Walgahiin hooggantoota hawaasa Afriikaa Kaariibiyaa lammaffaan eegale - ENA Afaan Oromoo
Walgahiin hooggantoota hawaasa Afriikaa Kaariibiyaa lammaffaan eegale

Qaammee 2/2017 (TOI)- Walgahiin hooggantoota hawaasa Afriikaa Kaariibiyaa lammaffaan galma walgahii gamtaa Afriikaatti gaggeeffamuu eegaleera.
Ministirri muummee RDFI Dr. Abiyyi Ahimad. Pirezidaantii Angoolaa fi dura taa’aan gamtaa Afriikaa Jaa’oo Lorenezoo, dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa, barreessaan olaana hawaasa biyyoota Kaariibiyaan, ministirri muummee Baarbaadoos Miiyaa Amoor Kaarlaa baarinet Moteelii dabalatee hooggantoonnii fi ministiroonni biyyoota Kaariibiyaan biroon saganticharratti argamaniiru.
Yaa’iin hawaasa Afriikaa Kaariibiyaan yaada “Afriikaanotaa fi sanyii Afriikaaf haqa kiisii barbaaduuf tumsa Ardii cehu” ofkeessaa qaba.
Yaa’iin kun biyyoonni Afriikaa fi Karibiyaan miira tumsaa kibba kibbaan hariiroosaanii cimsuu fi sagalee tokko dhageessisuuf bu’ura ta’uuf kan akeekamedha.
Afriikaan hariiroo biyyoota Kaariibiyaan waliin qabdu gara dippilomaasii dinagdeefi tumsa cimaatti jijjiiruuf nidandeessisa.
Bakka namni itti argame, mallattoo bilisummaa ummattoota gurraachaa kan taate Itiyoophiyaan yaa’ii kanarratti qoodashee adda durummaa bahachaa jirti.