Hooggantoonnii fi gareen jilaa garagaraa Finfinnee dhufaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Hooggantoonnii fi gareen jilaa garagaraa Finfinnee dhufaa jiru

Qaammee 2/2017 (TOI)- Hooggantoonnii fi gareen jilaa garagaraa Finfinnee dhufaa jiru.
Haala Kanaan ministirri dhimma alaa Jibutii ambaasaaddar Abdulqaadir Huseen Umar, itti aanaan pirezidaantii Gaambiyaa Mohaammad Jaaloo fi ministirri dhimma alaa Gaanaa Samu’el Okudizloo Ablakiwaa yaa’ii hooggantoota hawaasa Afriikaa Kaariibiyaan lammaffaa fi yaa’ii jijjiirama haala qilleensaa Afriikaa irratti hirmaachuuf Finfinnee dhufaniiru.
Hooggantoonni biyyoota garagaraa fi jilli buufata xiyyaaraa idil addunyaa Boolee wayita gahan ministirri nageenyaa Mahaammad Idriis simataniiru.
Yaa’iin kun tumsa daldalaa, Invastimantii fi Teekiniikaa Afriikaa fi Kaariibiyaan jidduu jiru cimsuuf kan akeekamedha.