Cichoomaa fi Tumsaan Nageenyaa fi Misooma Cimsinee itti fufna-Naannoo Somaalee - ENA Afaan Oromoo
Cichoomaa fi Tumsaan Nageenyaa fi Misooma Cimsinee itti fufna-Naannoo Somaalee

Qaammee 1/2017(TOI)-Cichoomaa fi tumsaan Ijaarsa Nageenyaa fi Misoomaaf caalatti cimnee nihojjenna jechuun Itti Gaafatamaan waajjira Pirezidaantii Naannoo Somaalee Dr.Husseen Qasin ibsan.
Qaammee 1 guyyaa Cichoomaa mata duree “Bu’uura Cimaa, Biyya Jabduu” jedhuun Magaalaa Jigjigaatti qophii garaa garaan kabajameera.
Itti gaafatamaan waajjira Pirezidaantii Naannoo Somaalee Dr.Husseen Qaasin saganticharratti haasaa taassisaniin, gootota cichoomaa fi biyya keenyaatti nageenyi akka bu’u aarsaa kaffalan yaadachuun Misoomaa fi Guddina Itiyoophiyaa ittifufsiisuu qabna jedhaniiru.
Cichinee waiin tumsuun Naannoo keenyaaf akkasumas Ijaarsa biyya keenyaaf, Misoomaa fi guddinaaf caalaatti nihojjenna jechuun dubbataniiru.
Geraad Kulmiyyuu Geraad Mahaammad gamasaaniin, hojiiwwan misoomaa cichooma biyya keenyaa agarsiisan hedduu raawwachuusaanii ibsaniiru.
Itti dabaluunis Mallattoo Cichoomaa kan ta’e Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa Guddichi sadarkaa Kana ga’uunsaa boonsaa ta’uu kaasaniiru.
Qondaaltonni olaanoon Naannichaa, Hoggantoonni Raayyaa ittisa biyyaa fi Poolisii Federaalaa dabalatee kutaan hawaasa adda addaa Saganticharratti argamaniiru.