Tamsaasa Kallatti:

Dargaggoonni Injiinaroota Afriikaa jijjiirama haala qilleensaa damdamattu ijaaranidha-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa

Hagayya 30/2017(TOI)- Dargaggoonni Injiinaroota Afriikaa jijjiirama haala qilleensaa damdamattu ijaaranidha jechuun ibsan Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa.

Itti aanaan ministira uummee ergaa fuula marsariitiisaaniirratti dabarsaniin ajandaa jijjiirama haala qilleensaahar’a dargaggoonni keenya itti bocan“ yaa’ii jijjiirama haala qilleensaa dargaggoota Afriikaa 2025” magaalaa keenya muummee Finfinneetti ifatti banneerra jedhaniiru.

Gumaachi Afriikaan gadhiisii gaaziif qabdu xiqqaa ta’us,sababa jijjiirama haala qilleensaatiin ongee, gammoojjummaa, rakkoo wabii nyataa, lolaa fi  balaawwan biroof  qoramaa akka jirtu eeraniiru.

Ardiin keenya Afriikaan rakkooleen itti baayyatanis Ardii furmaatilee qabatamaa ta’uunshee hojiirra oolmaa fi milkaa’inni misooma magariisaa jijjiirama haala qilleensaaf damdamatuu agarsiiftuudha jedhaniiru.

Inisheetiivii sagantaa ashaaraa magariisaa ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin eegalameen Itiyoophiyaan biqiltuu biiliyoona 48tti hiiqu dhaabdeetti, dargaggoota miiliyoonaan lakkaa'amani’f carraa hojii uumteetti, wabii nyaataa mirkaneessuu eegaluushee  ibsaniiru.

Biyyi keenya inarjii haaromfamuu fi qulqulluu riijinichaaf dhiheessaa jiraachuunshee Afriikaan hirmaannaa ummatasheen mul’atashee akka milkeessitu fakkeenya gocha qabatamaati jedhaniiru.

Dargaggoonni madda ciminaa fi abdii Afriikaa waan ta’aniif Afriikaa maaliifuu hinjilbeeffanne ijaaruuf furmaatilee kalaqaan gaggeeffaman maddisiisuun fi qoodasaanii tumsa irratti hundaa’e cimsanii ittifufuu qabu jedhan ergaa dabarsaniin.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015