Nageenya cimsuun ergama ijoo dhaabbilee nageenyaati-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Nageenya cimsuun ergama ijoo dhaabbilee nageenyaati-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Hagayya 30/2017 (TOI)- Nageenya cimsuun ergama ijoo dhaabbilee nageenyaa akka ta’e Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimadibsan.
Ministirri muummee ergaa fuula marsariitiisaaniirratti dabarsaniin ergamni ijoo dhaabbilee nageenyaa RDFI guutuu biyyaatti nagaa cimsuudha jedhaniiru.
Kana ilaalchisee mariin qaamolee nageenyaa waliin taasifamaa ture har’a xumuramuusaa ibsaniiru.
Ergaan ministirri muummee dabarsan akka armaan gadiitti dhihaateera.
Badhaadhinni Itiyoophiyaa akka milkaa’u nagaa fi tasgabbiin barbaachisaa qofa osoo hinta’iin galtee ijoodhas. Kana kabachiisuuf hojiilee aadaa fi duudhaa ummataarratti hundaa’uun hojjetuun alatti, qoonni qaamolee nageenyaa bakka bu’aa hinqabu.
Yakkoota shiraa, saamicha magaalaa fi baadiyyaa kontirobaandii, malaammaltummaa, namootaa fi maallaqa karaa seeraan ala deddeebisuu ittisuu fi to’achuun nageenya ummataa kabachiisuun akka barbaachisu marii Kanaan bal’inaan kaafameera.
Namoonnii fi shaqaxoonni bakkaa bakkatti socho’uun badhaadhina keenyaaf murteessoodha. Kanaaf saamicha,uggura fi gufuuwwan bakka garaagaraatti taasifaman karaa qoratameen to’achuun nibarbaachisa. Humni nageenyaa keenya sadarkaadhaan ummata qindeessuun qaamoleen kunneen gochasaanii dhaabsisuu, akkasumas seeratti dhiheessuun akka barbaachisu ciminaan kaafameera.
Nageenya bu’uraalee misoomaa gurguddoo, bakkeewwan albuunni itti argamu, Industiriiwwan, bakkeewwan jireenyaa fi ummanni itti fayyadamu eeguu fi rakkoo tokko malee tajaajilasaanii akka raawwatan gochuuf tumsi qaamolee nageenyaa fi hawaasa naannawaa murteessaa akka ta’e mariirratti kaafameera.
Fedhiin, qophii fi dandeettiin ummanni nageenyasaa kabachiisuuf qabu yeroo yerootti guddachaa dhufuunsaa qoratameera.
Duudhaa aadaa fi amantaa isaatti fayyadamuun qaamoleen hidhatan karaa nagaatti akka dhufan gochaa jira. Qaamolee nageenyaa waliin ta’uun nageenya naannawasaa kabachiisaa jira. Bobbii qaamoleen nageenyaa taasisaniifis deeggarsa odeeffannoo fi lojistiksii kennaa jira. Dandeettii ummataa kana caalaatti leenjiidhaan gabbisuun nageenya fulla’aaf fayyadamuu akka qabu xumura mariirratti kallattiin kaa’ameera.
Imala badhaadhina Itiyoophiyaa gufachiisuuf yaaduun Miidiyaa Hawaasaan hojii shororkeessummaa kan raawwatan xiyyeeffannoo kennuun hordufuu akka qabnu maricharratti kan ka’e yoo ta’u, hojiin hordofii fi to’annoo gama teekinooloojii Saayiberiitiin raawwatamuu qabn caalaatti jabaachuu akka qabu maricharratti hubatameera.
Gama biroon hojii to’annoo fi Ittisa Teekinooloojii hojjechuuf, gama biroon immoo shororkeessitoota seeratti dhiheessuun qaamoleen nageenyaa cimsanii hojjechuu akka qaban qajeelfamni kennameera.
Yeroo hunda Qophiin dhaabbileen qaama nageenyaa faayidaa Biyyoolessaa Itiyoophiyaa eegsisuuf sadarkaa dandeessisurra ga’uu marichaan madaalameera.
Itiyoophiyaan dhaabbilee nageenyaa yeroo wajjin ammayaa’anii fi duudhaalee Heera Mootummaa irratti ijaaraman ijaaraa akka jirtu mirkanaa’eera.
Ijaarasa kana hojii yeroo hundaa gochuun yeroo kamuu, bakka kamittuu, haala kamiifuu, dhaabbilee nageenyaa qophaa’oo ta’an Ijaaraa akka deemnuu kallattiin kaa’ameera.
Yeroo quucaruu jii’oo pholotikaa Itiyoophiyaa itti dhumeatee fi haalli irra jirtu yeroo sirraa’aa itti dhufe kanatti, dhaabbileen nageenyaa keenya birmadummaa, bilisummaa, daangaa, nagaa fi nageenya, akkasumas imala badhaadhinaa kabachiisuuf dandeettii fi dhaabbii cimaarra akka jiran mirkanaa’eera.
Qophii yeroo hundaa kana jabeessuun, rakkoo uumtota keessaa fi Alaa to’annaa jala galchuun, nageenya mirkaneessuun itti fufuuf kallatttiin kaa’ameera.
Ergamni guddaan dhaabbilee nageenyaa, nagenya mirkaneessuudha.
Itiyoophiyaan tattaaffii Ijooleesheen barabaraan kabajamtee haa jiraattu!
Uumaan keenya Itiyoophiyaa fi sabashee haa eebbisu!
Hagayya 30 bara 2017