Qorannoon dhukkuba sombaa hubannoo namtolcheen deeggarame godina Boorana Bahaatti gaggeeffamaa jira

Hagayya 29/2017(TOI)- Qorannoon dhukkuba sombaa hubannoo namtolcheen deeggarame godina Boorana Bahaatti yeroo jalqabaaf gaggeeffamaa akka jiru waajjirri fayyaa godinichaa beeksise.

Waajjrichatti qondeessaan sagantaa ittisa dhukkuba sombaa obbo Abarraa Siyyum akka jedhanitti, qorannoon kun godinicha aanaalee Areeroo, Gooroo Doolaa, Walaabuu Bahaa fi Daasfi magaalaa Nagallee Booranaatti nigaggeeffama.

Ogeeyyonni fayyaa olaanoo 10 damee Kanaan leenji’anii fi hojjettoonni deeggarsaa hedduun qorannoo kana gaggeessan hojiitti jiru.

Sagantaa Kanaan namoota kuma sadii caalaniif qorannoo dhukkuba sombaa tolaan taasisuuf karoorfamee hojiitti galamuusaas dabalanii ibsaniiru.

Qorannoo amma ammaatti taasifameen 135 kan ta’an meeshaa hubannoo nam tolcheen qorannoon X-ray akka taasifameef beeksisaniiru.

Mootummaan lammiilee galii xiqqaan jiraataniif qorannoo fayyaa toolaan taasisuun tamsa’ina dhukkuba kanaa qolachuuf hojjechaa akka jiru eeraniiru.

Qindeessaan kun akka jedhanitti, ministeerri fayyaas gammoojii naannawichaatti tajaajila qorannoof kan oolan meeshaa X-ray qoratu kan birrii miiliyoona toorbatti tilmaamamu deeggarsa taasiseera.

Meeshaan qorannoo kun hubannoon namtolchee kan itti maxxanfamee fi bu’a qabeessa akka ta’es qabatamaan ilaalamuusaa beeksisaniiru.

Qorannoon dhukkuba sombaa godinichatti gaggeeffamaa jiru baatii tokkoof nitura jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015