Yeroo waliin dhaabbannu sagalee Afriikaa olkaafnee dhageessisuu nidandeenya- Dura ta’aa Komishinii Gamtaa Afriika - ENA Afaan Oromoo
Yeroo waliin dhaabbannu sagalee Afriikaa olkaafnee dhageessisuu nidandeenya- Dura ta’aa Komishinii Gamtaa Afriika

Hagayya 28/2017(TOI)-Yeroo Waliin Dhaabbannu Ajandaa Haala Jijiirama Qilleensa Afriikaaf Deebii Haqa Qabeessa olkaafnee dhageessina jechuun dura taa’aana Komishinii Gamtaa Afriikaa Mahimmud Alii Yusuuf ibsan.
Torbaan Haala Qilleensaa Addunyaa 2ffaan Qopheessummaa Itiyoophiyaatiin gidduugala Konveekshinii Idil-Addunyaa Addisitti gaggeeffamuu eegaleera.
Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afriikaa Mahimmud Alii Yusuuf akka jedhanitti, Afriikaan yaa’iin Haala jijiirama Qilleensaa 2ffaa Ardii torban dhufu gaggeessuuf qophooftetti.
Mariiwwan turban haala qilleensaa idil addunyaa yaa’icha dursee qophaa’een taasifaman deebii jijjiirama qilleensaaf bu’aan bu’ura kaa’u akka irraa argamu eeraniiru.
Jijjiirama Haala Qilleensaan qoramaa kan jirtu Afriikaan sagaleenshee ol-ka’ee akka dhagahamuu fi deebii akka argatu waliin ka’uun akka barbaachisu dubbataniiru.
Afriikaan Hojiirra Oolmaa Haala Qilleensaa, Cehumsa Haqa-qabeessaa fi hojii qabeenya walitti qabuu barbaaddi kan jedhan dura taa’aankun, gaaffii haqa-qabeessa kanaaf Addunyan deebii kennuu qabdi jedhaniiru.
Ajandaa ariifachiisaa kanaaf tarkaanfii malu fudhachuuf yeroon jiru gabaabaa ta’uu kaasuun, Gamtaan Afriikaa milkaa’inasaaf shoora hoggansaa Murteessaa bahuuf kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.
Kutaan Hawaasa Idil-Addunyaa Haqa qabeessaummaa faayinaansii haala qilleensaaf, Cehumsa Teekinooloojii fi Ijaarsaa Dandeettiif xiyyeeffannoo kennuun Afriikaa Cinaa dhaabbachuu akka qabu waamicha dhiheessaniiru.
Dhaloota dhufuuf jennee waadaawwan galle gara raawwii qabatamaatti jijiiruuf daddafuu barbaachisa jedhaniiru.
Humna Qindoomeen Afriikaa cimtuu, egeree fi Badhaate akkasumas, Addunyaa dhalootaaf mijattu Ijaaruun barbaachisaadha jedhan.