Baga ayyaana Mawuliidaa 1500ffaan isin gahe!-MinistirA MUUMMEE dr. Abiyyi Ahimad

Hagayya 28/2017 (TOI)- Baga ayyaana Mawuliidaa 1500ffaan isin gahe! Jechuun Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa dabarsan.

Ayyaan ahangafoota keenyaa kan kabajnu fakkeenya isaanii hordofuuf sababa akka nuuf ta’uufi. Maal akka hojjetan? Maal akka barsiisan? Maalti akka isaan mudate? Akkaataa qormaata itti cehan? Seenaasaanii kaasuun irraa baranna. Ayyaana Mawuliidaa wayita kabajnu faana nabii Mahaammad niqoranna, jireenyasaaniirraa nibaranna, karaan ittiin qormaana cehan nuyiif onnee nutti hora. Barsiisa isaanii yaadachaa ittiin ofmadaalla.

Ayyaanni baranaa kan kabajamu jala bultii bara 2017 gaggeessinurratti irrattidha. Yeroo kana jecha Nabii “obsaa fi beekumsa caalaa wantoonni walta’uu qaban hinjiran” jedhan niyaadanna.Yeroon itti jirru yeroo bayyanachuun Itiyoophiyaa itti dhugoome ta’uunsaa nibeekama.

Uumaan keenya kan itti dadhabne eebbisee kan kadhanne nuuf kenneera. Badhaadhinni Itiyoophiyaa caalaa akka dhugoomu ammoo Nabiin akka jedhanitti beekumsaa fi obsa tokko taasifnee nideemna. Beekumsi ifa ta’uun nidursa. Obsi ammoo Qormaatilee cichinee akka ceenu taasisa. Nabii Mahaammad irraa kana baranneerra.

“Muka dhaabaa guyyaan jaalala yoo dhufe, Muka dhaabuu addaan ittifufi” akkuma jedhan, qormaanni yoo baay’ates, gufuun yoo tarreeffamanis ummataa fi biyya keenyaaf amma lubbuun keenya jirutti waan gaarii ittifufiinsaan nihojjenna. Lafaa fi samiitti waan gaarii hojjechuu caalaa kan nama kabachiisu ummata kan fayyadu waan hinjirreef.

Lammiileen koo musliimonni ayyaana mawuliidaa kana kabajan hundi, bara dhufu hojii gaarii Allaah biratti guddaa jaalatamaa ta’een akkamitti akka dabarsinu qophaa’uun akka kabajan abdiin qaba. Barri 2018 damee hundaan bayyanachuu Itiyoophiyaa caalaa kan itti cimsinu waan ta’eef.

  

Ayyaana Mawuliidaa gaarii haata’u.

Itiyoophiyaan carraaqqii ijoolleeshiin kabajamtee barabaraan haajiraattu!!

Uumaan keenya Itiyoophiyaa fi ummatashee haa’eebbisu!

Hagayya 28 bara 1017

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015