Gareen biyyaalessaa Itiyoophiyaa tapha gulaallii tWaancaa addunyaa  Gibxi waliin taphatu gaggeessuuf Kaayiroo dhaqeera

Hagayya 28/2017 (TOI)- Gareen biyyaalessaa Itiyoophiyaa tapha gulaallii Waancaa addunyaa  Fiifaa 23ffaa Gibxi waliin taphatu gaggeessuuf Kaayiroo dhaquusaa federeeshiniin kubbaa miilaa Itiyoophiyaa beeksise.

Tapha Fiifaa 23ffaa A.L.Atti bara 2026tti gaggeeffamu Ameerikaa, Kaanaadaa fi Meeksikootu waliin qindaa’uun qopheessa.

Itiyoophiyaan ramaddii tokkoon Gibxi, Burkiinaafaassoo, Seraaliyoon, Giinii Bisaawu fi Jibutii waliin ramadamtee amma ammaatti tapha taphoota jaaha taphatteetti.

Gareen biyyaalesaa Itiyoophiyaa tapha ramaddii toorbaffaa Jimaata dhufu Gibxi waliin nitaphata.

Gareen jilaaa Itiyoophiyaa tapha kana taphatu kaleessa halkan walakkaa booda buufata xiyyaaraa idil addunyaa Kayiroo qaqqabuusaa odeeffannoon TOI’n federeeshinii kubbaa miilaa Itiyoophiyaarraa argate nimul’isa.

Gareen Waaliyaa tapha gulaallii saddettaffaa Qaammee 4 bara 2017 Seraaliyoon waliin nitaphata.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015