Hojiiwwan misooma  Kooriidaraa, Ikoo-paarkii fi kanneen biroo naannoo Harariitti hojjetaman baay’inni tuuristootaa akka dabalu taasisaniiru

Hagayya 28/2017 (TOI)- Hojiiwwan misooma  Kooriidaraa, Ikoo-paarkii fi kanneen biroo naannoo Harariitti hojjetaman baay’inni tuuristootaa akka dabalu taasisuu isaanii biiroon aadaa, hambaa fi turizimii naannichaa beeksise.

Hoogganaan biirichaa obbo Tawaladaa Abdoosh TOI’f akka ibsanitti, ijaarsi pirojektoota misoomaa babal’aan baayyinni turistootaa akka badalu taasisan nannichatti raawwatamaniiru.

Keessumaa hambaa jiraataa idil addunyaa kan ta’e Jagoliin jiraattotaa fi daawwattootaaf mijataa gochuun akkasumas hojiileen misoomaa babal’aan naannawasaatti raawwatamuusaanii dubbataniiru.

Naannaea hambaa idil addunyaa Jagolii fi ijaarsi daandii keessoo dhaabbileen mootummaa, qooda fudhattoonnii fi hawaasni abbummaan kaka’uun gumaacha taasisuunsaanii ibsaniiru.

Golabaawwan naannichatti Argaman irratti galtee dabaluun akkasumas golambaa
wwan haaraa banuun damee tuurizimii guddisuuf hojjetamuu dubbataniiru.

Kana malees galii gurgurtaa kitaaba ida’amuurraa argameen Iikoo Paarkiin agarsiisa waraabessaa fi kanneen biroo ofkeessaa qabu hojjetamuunsaa damee turizimii guddisaa jira jechuun dubbataniiru.

Lammiin Jarman Maarkes Raast agarsiisa ikoo paarkichaatti agarsiisa Waraabessa sooruu irratti argamuun Waraabessii fi namni akkasitti walitti madaqanii akka agarsiisaatti yoon argu baay’ee nadinqisiiseera  gammadeeras kjedhan.

Daawwattuun Natsaannat Geetaachoo hojiileen misooma kooriidaraa dinqisiisoon naannichatti hojjetamaniiru, ijoollee keenya qabannee Harar dhufuun hambaalee fi agarsiisa Waraabessaa garagaraa daawwachaa bashannanaa jirrat jedhaniiru.

Waggoota dheeraaf agarsiisa Waraabessa sooruu agarsiisaa tureera
, bakki Kanaan dura ture tuuristootaa fis ta’e Waraabessootaaf mijataa hinturre kan jedhan Iikoo paarkichatti agarsiisa Waraabessa sooruu agarsiisaa kan jiran obbo Yusif Muummeeti.

Bara bajataa xumurame naannoo Harariitti daawwattoonni biyya keessaa fi biyya alaa kuma 17 caalan hawata seenaa, amantaa, dur durii fi aadaa naannicha daawwataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015