Torbeen haala Qilleensaa Idil-Addunyaa 2ffaan Magaalaa Finfinneetti gaggeefamuu eegale - ENA Afaan Oromoo
Torbeen haala Qilleensaa Idil-Addunyaa 2ffaan Magaalaa Finfinneetti gaggeefamuu eegale

Hagayya 28/2017(TOI)-Torbeen Haala Qilleensaa Idil-Addunyaa 2ffaan Itiyoophiyaan Qopheessite gidduugala Konveekshinii Idil Addunyaa Addisitti gaggeeffamuu eegaleera.
Pirezidaanti Taayyee Atsqa Sillaasee, Durataa’aa Komishinii Gamtaa Afriikaa Mahimuud Alii Yesuuf, Qondaaltonni olaanoo biyyoota garagaraa fi Dhaabbilee Idil-Addunyaa Sirna Baniinsa Sagantaa irratti argamaniiru.
Yaa’iin Haala Qilleensa Afriikaa 2ffaan Qaammee 3 hanga 5 bara 2017tti Hoggantoonni Afriikaa fi biyyoota biroo, Qondaaltonni Olaanoo Dhaabbilee Idil-Addunyaa, akkasumas keessummoonni Afeeraman bakka argamanitti akka gaggeefamu ni eegama.
Yaa’ii kana dursuun Torbeen Haala Qilleensaa Idil-Addunyaa 2ffaan waliigaltee hammattoo jijjiirama haala qilleensaa idil addunyaan qophesse har’a irraa eegalee amma Qaammee 1/2017 qopheessummaa Itiyoophiyaan gaggeeffamaa jira.
Torbeen Haala Qilleensaa mata duree “Mariiwwan gara gochaa fi bu’aatti jijiiruu” jedhuun Waadaawwan jijiirama haala Qilleensaa gara gocha bu’aa qabatamaatti jijiiruurratti xiyyeeffateera.
Karoorri misoomaa biyyootaa fi kutannoo siyaasaa gara tarkaanfii jijjirama qabatamaatti dhiheessuun yaadonni imaammataa yaa’ii haala qilleensaa Afriikaaf kan itti qophaa’anidha jedhameera.
Yaa’ii Haala Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 30ffaa (kop-3offaa) Biraazilitti gaggeeffamuuf Ajandaa waloo bocuuf akka gargaaru ni eegama.
Torbanichatti Mariin Qondaaltota Hojii olaanoo,marii gam-lamee, Muuxannoo Jijiirraa, Daawwannaa fi waltajjiiwwan waliti hidhaminsa jabeessan kan gaggeeffaman ni ta’u.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Torbaan haala Qilleensaa jalqabaa, A.L.A Caamsaa bara 2025 Paanaamaatti gaggeeffamuun ni yaadatama.