Itiyoophiyaa gargaarsa jalaa baasuuf bu’urri kaa’ameera-Ministira Dr. Laggasaa Tulluu - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaa gargaarsa jalaa baasuuf bu’urri kaa’ameera-Ministira Dr. Laggasaa Tulluu

Hagayya 27/2017 (TOI)-Hojiilee hedduu waggoottan jijjiirama darban raawwatamaniin bu’uurri Itiyoophiyaa gargaarsa jalaa baasu kaa’amuusaa ministirri tajaajila komunikeeshinii mootummaa Dr. Laggasaa Tulluu ibsan.
Ministirri tajaajila komunikeeshinii mootummaa Dr.Laggasaa Tulluu ibsa dhimma haala yeroorratti xiyyeeffame kennaniiru.
Ibsa kennaniin, waggoottan toorban darban adeemsa misoomaa keenyaan, ijaarsa sirna demokiraasii hammataan injifannoowwanii fi tarkaanfiiwwan hedduu galmeessifneerra jedhaniiru.
Riifoormii dinagdee mandhalee fulla’aan gaggeeffamnee, oomishaa fi oomishtummaa guddisuun , walabummaa soorataa mirkaneessuun, Bu’uura Itiyoophiyaa gargaarsa jalaa baasu keenyeerra jechuun ibsaniiru.
Sosochii Itiyoophiyaan haa’oomishtu jedhuun oomishaalee industirii allaa gala turan hedduu biyya keenyatti bakka buusuun akka danda’ame ibsaniiru.