Ijaarsa duudhaa nageenyaa naannolee ollaa baha Itiyoophiyaa caalaa cimsuuf xiyyeeffatameera - ENA Afaan Oromoo
Ijaarsa duudhaa nageenyaa naannolee ollaa baha Itiyoophiyaa caalaa cimsuuf xiyyeeffatameera

Hagayya 27/2017(TOI)- Ijaarsa duudhaa nageenyaa naannolee ollaa baha Itiyoophiyaa caalaa cimsuuf xiyyeeffannoon taasifamuun ibsameera.
Waltajjiin marii ijaarsa duudhaalee nageenyaa fi hariiroo naannolee ollaa baha Itiyoophiyaa caalaa cimsuuf gargaaru Dirree Dawaatti taa’amaa jira.
Waltajjii marii kana mana maree federeeshiniitu sagantaa misoomaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii waliin ta’uun qopheesse.
Itti aantuun af-yaa’ii mana maree federeeshinii Zahaaraa Humad fi hooggantoonni olaanoo ministeera nageenyaa argamaniiru.
Dabalataanis, af-ya’iiwwan Naannooleen Ollaa bahaa ta’an Somaalee, Affaar, Hararii, Godinaalee Oromiyaa Harargee Bahaa fi Lixaa fi bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaa akkasuas hooggantoonni damee nageenyaa hirmaachaa jiru.
Waltajjichi nageenya fulla’aa riijinichaa cimsuu fi hariiroo mootummootaa naannolee ollaa cimsuuf kan kaayyeeffate ta’uu bakka bu’aan daarektara hariiroo ummataa fi komunikeeshinii mana maree federeeshinii obbo Mogos Jambaree TOI’f ibsaniiru.
Akka ibsa Obbo Mogositti, Naannooleen ollaa Fooramii waloo uuman cimsuun imala badhaadhinaa naannawichatti qindoominaan eegalan jabeessuuf isaan gargaara.