Godinni Booranaa boqonnaa haaraarratti argama-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa

Hagayya 27/2017 (TOI)- Hanqinni roobaa irra deddeebi’uun ongeen akka qoratamu taasisee kan ture Godinni Booranaa boqonnaa haaraarratti argama jedhan Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa.

Itti aanaan Ministira muummee ergaa fuula marsariitiisaaniirratti dabarsaniin, Wayita Boorana turretti gammachuu horiisee bultootaa Booranaa argine jedhaniiru.

Pirojektii Fiinaa rakkoo kanaaf furmaata fulla’aa kaa’uuf jalqabameen hidhi 14 ijaaramuusaanii eeraniiru.

Hojiin kun hanqinni bishaanii fi nyaata loonii horsiisee bulaa mudachaa ture akka furamu gochuusaa ilaalleerra jedhan.

Fiiinaan lafa, marga dheedichaa bulchuu fi jireenya waliin walqabsiisee furmaata fulla’aa akka kennan gochuudha jechuun himaniiru.

Kun ammoo Ummanni Booranaa qabatamaan agarsiiseera jechuun dubbataniiru.

Horsiisee bultoonni Booranaa har’a yaaddoo ongee hinqaban jechuun ibsan itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa.

Loon quufanii dirreedhaa galu, misoomni jira, bishaan jira, nyaanni loonii jira, Booranatti hundi guutuudha jedhaniiru.

Ittifufuunis waa cabu malee waa hingalu akkuma jedhamu ummanni Booranaa hojii kanneen biroofillee fakkeenya ta’u hojjeteera jechuun ibsaniiru.

Hoggantoonni sadarkaan jiranii fi ummata Booranaa kun akka dhugoomu taasisan galateeffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015