Itiyoophiyaan guyyaa guyyaan Dhimmoota Gurguddoo Eegaltee Xumuruun  Bakka Dinagdeeshee  nifooyyessiti-Ministira Muummee Dr,Abiyyi Ahimad

Hagayya 27/2017(TOI)—Itiyoophiyaan guyyaa guyyaan dhimmoota gurguddoo eegaltee xumuruun bakka Dinagdeeshee nifooyyessiti jechuun Ministirri Muummee  Dr.Abiyyi Ahimad  ibsan. 

 Waggoota kumaaf  Itiyoophiyaaf Qormaata ta’ee kan ture  dhimma Abbaayi furreerra, kan booda kan jiru  dhalataasaa waan ta’eef salphaadha jechuun  ibsaniiru.

Mataduree “Dhuma Seenaa quucaruu” jedhuun Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Gubaatti  turtii taasisaniin, Hidhi Haaromsaa karaa guutuu ta’een  hojii erga jalqabdee Itiyoophiyaan siyaasa Jii’oo siyaasaatii  seenaan quucaruu dhumateera jedhaniiru.

Waggaa Kumaaf Qormaanni Guddaan Itiyoophiyaa Abbayi ture kan jedhan Ministirri Muummee, kan biraan dhalataa Abbay, Qormaata guddaa hiikneerra, kan biraan salphaadha jechuun ibsaniiru.

Eegallee xumuruu akka dandeenyu Hidha Haaromsaan argineerra , waggoottan itti aanaan  shan, kudhanii fi  kudha shan,  meeggaa pirojktii  guruddaa akka Hidha Haaromsaa ni’eegalla, hojiiwwan kun bakka Dinagdee keenyaa sirreessu jedhaniiru.

Shakkii tokko hin qabu, Itiyoophiyaan guyyaa guyyaan dhimmoota gurguddoo eegaltee xumuruun bakka Dinagdeeshee ni fooyyessiti jechuun mirkaneessaniiru.

Kana hordofuun Maqaan Hiyyummaashee ni hafa, Maqaan Beelaa ni jijjiirama, Fedhii Badhaadhinashee kan mirkaneessituu fi kan eegsistu, biyya Addunyaarraa Qamadiis ta’e haqa  kan hin kadhanne  taati jedhaniiru.

Marfamni Jira, waliin  kan kaatan jiru, gateetii kan waldhiibu  jira, damee hundaan saffisa guddaan  fiignee sarara dhumaa lakkoofnee  badhaadhina keenya mirkaneessina jedhaniiru Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015