Hidha haaromsaa akka pirojektii idileetti osoo hinta’iin harqoonni bara dheeraa kan itti cabe, toora seenaan itti dacha’e godheen ilala-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Hidha haaromsaa akka pirojektii idileetti osoo hinta’iin harqoonni bara dheeraa kan itti cabe, toora seenaan itti dacha’e godheen ilala-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad

Hagayya 27/2017 (TOI)-Hidha haaromsaa akka pirojektii idileetti osoo hinta’iin harqoonni bara dheeraa kan itti cabe, toora seenaan itti dacha’e godheen ilala jedhan ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad mata duree “Xumura bara cuucaruu” jedhuun Gubaarratti turtii taasisaniin, hordoffii fi raawwii milkaa’aa pirojektii hidha haaromsaan walqabatee ibsa taasisaniiru.
Ibsa kennaniin, hojii tokko jalqabanii xumuruuf,dursuun ilaaluugf dandeettii barbaada jedhaniiiru.
Isa sana dursinee Xumurree waan argine heddoonni akka argan naamusa guddaan carraaquun nibarbaachisa jedhaniiru.
Haala Kanaan waggoottan turban darbaniif gara hidha haaromsaa guddichaatti deddeebi’uun hordofaa turuusaanii kaasaniiru.
Hojii kamiifuu hordoffiin murteessaa ta’uu ibsanii, haadholiin dhama’an ijoolleesaanii akkuma bu’aaf qaqqabsiisan, hojjettoonni dhama’an biyyasaanii bu’aaf qaqqabsiisaniiru, waanti Itiyoophiyaa keessatti ta’aa jirus kana jedhaniiru.
Hidha haaromsaa akka pirojektii idileetti hin ilaalu, harqoonni bara dheeraa kan itti cabe, toora seenaan itti dacha’e godheen ilala jedhaniiru.
Akkuma beekamu Abbaayi bara dheeraaf nujalaa deemaa tureera kan jedhan ministirri muummee, bishaan nujalaa deemeera jechuun banneerra jechuudha, sababnisaas kan nujalaa deeme bishaan qofa waan hintaaneef jechuun ibsaniiru.
Yaadamni Haaromsaa bishaan akka nujalaa hindeemne qofa osoo hinta’iin doonii hojjennee bishaanirra akka deemnuufidha, qurxummii kiyyeessuu akka dandeenyudha, Biyyoon hambifne qorannee warqee qaba moo hinqabu jennee adda baasuu akka dandeenyuufi jechuun ibsaniiru.
Abbaayiin xumuruun Itiyoophiyaa keessatti dacha seenaa mirkaneessuun kadhannaa fi hawwii koo isa xumuraa ture jechuun ibsaniiru.
Jalqabuma uumaan keenya Abbaayiin amanee Itiyoophiyaaf kan kenne haqa qabeessummaan akka ittifayyadamtu waan itti amaneefi jedheen amana jedhan ministirri muummee.
Hidha keenya bu’a qabeessa kan taasifne, hidhi Sudaanis ta’e Gibxitti argaman liitira tokkollee jalaa hin hir’anne, odeeffannoo gahaa qabna, fedhiin keenya fuulduras akka jalaa hinhir’annedha, haaluma Kanaan nihojjenna jedhaniiru.
Yoo ida’amnee fi dhamaanee hojjenne kan yaanne nimilkaa’a, kanaaf ammo hidhi haaromsaa agarsiiftuudha jechuun eeraniiru.