Hidhi Haaromsaa wagga waggaan galii doolaara biiliyoona tokkotti tilmaamamu galcha jedhameetu tilmaamama-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad

Hagayya 26/2017 (TOI)- Hidhi Haaromsaa wagga waggaan galii doolaara biiliyoona tokkotti tilmaamamu galcha jedhamee akka eegamu Ministirrii muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan.

Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaan yeroo gabaabaa keessatti badhaadhina mirkaneessuu akka dandeessu kan agarsiisudha jedhaniiru.

Ministirri gorsaa dhimmoota hawaasummaa ministira muummee mu’aaze xibabaat diyaaqon Daanieel Kibrat mata duree “xumura bara quucaruu” jedhuun ministira muummee DR. Abiyyi Ahimad waliin gubaarratti mari’ataniiru.

Seenaan abbaayi bakka bulu hinqabu jirma baatee joora jedhu raawwachuusaa ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsaniiru.

Hidhi haaromsaa inarjii oomishuurra darbee faayidaalee dinagdee hedduu akka qabu dubbataniiru.

Hidha haaromsaarraa wagga waggaan galiin doolaara biiliyoona 1 nigala jedhanee akka eegamu dubbatanii kunis baasii hidha kana ijaaruuf bahe waggoota muraasa keessatti akka deebisu dubbataniiru.

Walta’uu fi ida’amuudhaan akkasumas qabeenya dilbii Itiyoophiyaa sirriitti fayyadamuun dhaloota boruu fi kanneen biroofis akka oolu gochuuf waliin hojjechuu barbaachisa jedhan.

Abjuu keenya fagoo arginuu fi hawwinu irraa ija keenya osoo hin buqqisiin human ida’ameen cimninaan yoo hojjetame badhaadhina Itiyoophiyaa yeroo gabaabaatti milkeessuun akka danda’amu ibsaniiru.

Haala Kanaan hidhi haaromsaa pitrojektii badhaadhoina Itiyoophiyaa dhugoomsuun akka danda’amu kan agarsiisudha jedhaniiru.

Dhaloonni fedhii fi faayidaalee Itiyoophiyaarratti hin araaramne akka uumamuu fi hariiroo keenya qajeelfama fayyadama waloon kanneen biroo waliineegsisuun akka danda’amu hubannaa akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Hidhi haaromsaa xunuramuusaatti Itiyoophiyaanonni baga gammaddan kan jedhan ministirri muummee  ummanni hidha haaromsaa ashaaraasaa kaa’e akka daawwatu waamicha taasisaniiru.

Itiyoophiyaan  fuuldura pirojektoota gurguddoo ijaaruun abjuushee dhugoomsuuf akka hojjettu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015