Maqaan haroo hidha haaromsaa Itiyoophiyaa irratti argamuu “Nigaat” jenneerra

Hagayya 27/2017 (TOI)- Maqaan haroo hidha haaromsaa Itiyoophiyaa irratti argamuu “Nigaat” akka jedhamu murtaa’uusaa ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad beeksisan.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad mata duree “Xumura bara quucaruu” jedhuun Gubaarratti turtii taasisaniin, Haroon hidha haaromsaa irratti argamu Itiyoophiyaatti isa guddaadha, haroowwan gurguddoo Afriikaatti argaman keessaas isa tokkodha jedhaniiru.

Yeroo ammaa bishaan liitira tiriiliyoona 74 kuusuusaa eeranii,  yeroo hirribaa itti kaanee fi moggaafnisaa kan waloo akka ta’u yaaduun haroo hidha haaromsaarratti argamu “Nigaat” jenneerra jechuun beeksisaniiru.

Nigaat jechuun dukkanni dheeraan xumuramee barii barraaqa, ifni mil’achuu wayita eegalu ta’uusaas dubbataniiru.

Nigaat(Obboroo)n fuuldura keenya ifni dhufuusaa agarsiisa, yeroo sochiin oolmaa keenyaa itti eegaludha jedhaniiru.

 Yeroon itti jirru bara bayyanachuu Itiyoophiyaa ta’uusaa nuqofa osoo hintaane addunyaan Abbaayi waliin kan raga bahudha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015