Ayyaanni guyyaan dhalootaa Nabii Mahaammad wayita kabajamu duudhaalee nageenyaa fi waloomaa gabbisuun ta’uu qaba-Mana maree waliigalaa dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa - ENA Afaan Oromoo
Ayyaanni guyyaan dhalootaa Nabii Mahaammad wayita kabajamu duudhaalee nageenyaa fi waloomaa gabbisuun ta’uu qaba-Mana maree waliigalaa dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa

Hagayya 26/2017(TOI)- Ayyaanni guyyaan dhalootaa Nabii Mahaammad wayita kabajamu duudhaalee nageenyaa fi waloomaa yaadachuun ta’uu akka qabu Manni maree waliigalaa dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa ibse.
Manni maree waliigalaa dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa guyyaa dhalootaa Nabii Mahaammad kuma 1 fi 50ffaa Hagayya 29 bara 2017 masiija Aniwaar guddichatti kabajamu ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kenneera.
Mana maree waliigalaa dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaatti ittiwaamamaan damee dargaggootaa fi dubartootaa fi miseensi hojii raawwachiisaa Sheeh Abdul Hamiid Ahimad wayita kana akka jedhanitti, barsiisni Nabii guddichaa bu’ura walkabajuu, waliigaluu fi nagaan waliin jiraachuu ta’uu ibsaniiru.
Kanaaf hawaasni musliimaa kutaalee hawaasaa hundan walta’uun duudhaalee waldanda’uu fi walkabajaa cimsee itti fufsiisuun irraa eegama jedhaniiru.
AAyyaana kana wayita kabajnu duudhaalee nagaa, waldanda’uu, kanneen biroo waliin ta’uun walkabajuun tokkummaan jiraachuu gabbisuun ta’uu qaba jedhaniiru.