Manni Maree Olaanoon dhimmoota Islaamummaa Oromiyaa Filannoo Majiliisaa  milkaa’inaan xumureera-Boordii hojii Raawwachiiftuu filannoo  Majiliisaa 2017

Hagayya 26/2017(TOI)-Manni Maree Olaanoon Dhimmoota Isilaamummaa Oromiyaa  Finannoo Majiliisaa Milkaa’inaan Raawwachuu Dura taa’aan Boordiin Hojii raawwachiiftuu  filannoo majiliisaa Ustaaz Badiruu Nuuru eeksisan.

Filannoo gaggeeffameen Sheek Gaalii Muktaar, Pirezidaantii Mana Maree Olaanaa  Dhimmoota Islaamummaa Oromiyaa ta’uun filatamaniiru.

Akkasumas sheek Mahaammadnuur Ahimad Musa itti Aanaa Pirezidaantii ta’uun kan filataman yoo ta’u, Dr. Mahammad Abdulhakiim barreessaa ta’uun filatamaniiru.

Boordiin hojii raawwachiiftuu filannoo mana maree Olaanaa dhimmoota Islaamummaa Oromiyaa, hojii raawwachiiftota iti aansuun gaggeessan waliin sagantaa wal harkaa fuudhinsaa fi kakuu galuu raawwataniiru.

Durataa’aan Boordii Hojii raawwachiiftuu Mana maree olaanaa dhimma Islaamummaa Oromiyaa filannoon majiliisaa bara 2017 obbo Ustaaz Badiruu Nuuruu saganticharratti akka dubbatanitti, filannichi karaa milkaa’ina qabuun xumurameera.

Qophii Hojii Qaamolee dhimmi ilaallatu waliin taassifameen filannichi milkaa’inaan   raawwachuu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015