Paartiin badhaadhinaa imala badhaadhinaa biyyattii milkeessuuf hojii hojjeteen milkaa’ina galmeessisaa jira - ENA Afaan Oromoo
Paartiin badhaadhinaa imala badhaadhinaa biyyattii milkeessuuf hojii hojjeteen milkaa’ina galmeessisaa jira

Hagayya 26/2017(TOI)- Paartiin badhaadhinaa imala badhaadhinaa biyyattii milkeessuuf hojii waggoottan darban hojjeteen milkaa’ina galmeessisaa jiraachuu itti aanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa fi sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti hoogganaan jiddugala qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii obbo Adam Faaraah beeksisan.
Obbo Adam Faaraah waajjira damee paartichaa bulchiinsa magaalaa Hawaasaa kutaa magaalaa Dakaan ijaarame eebbisanii hojii eegalchiisaniiru.
Obbo Adam Faaraah sirna eebbaarratti akka jedhanitti, Paartiin badhaadhinaa hundeeffamasaarraa eegalee waggoottan darban badhaadhina ummataa fi biyyattii mirkaneessuuf hojiin hojjete milkaa’oodha.
Milkaa’inni kun miseensonnii fi deeggartoonnisaa falaasama ida’amuu hordofuun waan hojjetamanii fi paarticha ciminaan waan tajaajilaniif ta’uu dubbataniiru.
Amantaa fi amanamummaa ummanni Sidaamaa Paartichaaf qabuun kallattiiwwan gadi bu’an fudhachuun hirmaannaa sagantaa maaddii guutuun taasiseen adda duree ta’uun hojjechuun kanneen biroof fakkeenya ta’uusaa ibsaniiru.
Hojiin misooma kooriidaraa miidhagina Hawaasaan qabdurratti miidhaga dabaleef hojjetamuu eeraniiru.
Bulchaan naannoo Sidaamaa obbo Dastaa Leedaamoo gamasaaniin, ummanni misooma naannichaaf maallaqa, humnaa fi beekumsaan waan irraa eegamu bahachaa akka jiru eeraniiru.
Paartichi dhaabbata mijataa akka qabaatu dandeettii miseensasaa fi deeggartootasaa fayyadamuun waajjiraalee mijatoo ijaaree tajaajilaaf oolchuusaa dubbataniiru.
Hoogganaan waajjira damee Sidaamaa Paartii badhaadhinaa obbo Abrihaam Maarshaalloo akka jedhanitti gamoon abbaa darbii afurii ijaarame kun hojiif haala mijataa kan uumedha.
Sagantaa maaddii guutuu naannichatti hojiirra ooleen namoonni hedduun jijjiiramuusaanii ibsaniiru.
Paartii badhaadhinaatti hoogganaan hariiroo ummataa fi idil addunyaa Dr. Biqilaa Hurrisaa, Paartii badhaadhinaatti hoogganaan damee ijaarsa aadaa demokiraasii Mallasaa Alamuu dabalatee hooggantoonni olaanoon Paartii badhaadhinaa sirna eebbaa kanarratti argamaniiru.