Magaalaa Finfinneetti ijaarsi nageenyaa fi nageenyi fulla’aan akka si’atu miseensonni raayyaa nageenyaa qooda guddaa gumaachaa jiru-Kantiibaa Adaanech Abeebee

Hagayya 26/2017 (TOI)- Magaalaa Finfinneetti ijaarsi nageenyaa fi nageenyi fulla’aan akka si’atu miseensonni raayyaa nageenyaa qooda guddaa gumaachaa akka jiran Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee ibsan.

Biiroon bulchiinsa nageenyaa fi tasgabbii magaalaa Finfinnee miseensota raayyaa nageenyaa leenjise eebbisiiseera.

Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee dabalatee hooggantoonni olaanoo bulchiinsa magaalaa Finfinnee sirna eebbaarratti argamaniiru.

Kantiibaa Adaanecha wayita kana akka jedhanitti, nageenya eeguu fi cimsuun ittigaafatama lammii hundaati.

Gurmaa’inni raayyaa nageenyaa ijaarsi duudhaa nageenyaa bu’a qabeessi akka uumamu gargaaruusaa eeraniiru.

Hojiin miseensonni raayyaa nageenyaa qaamolee nageenyaa biroo waliin ta’uun raawwatan bu’a qabeessa ta’uu ibsanii, hojii kana caalaatti cimsuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Magaalaa Finfinneetti nageenyi waaraan akka mirkanaa’uu fi misoomni akka saffisu Miseensonni raayyaa nageenyaa qooda guddaa gumaachaa akka jiran ta’uu dubbataniiru.

Eebbifamtoonni ittigaafatama kennameef hubachuun nageenya magaalattiif kutannoon akka hojjetan qajeelfama hojii kennaniiru.

Hooggantuun biiroo bulchiinsa nageenyaa fi tasgabbii magaalaa Finfinnee Liidiyaa Girmaa gamasaaniin, eebbifamtoonni leenjii kenname xumuruusaanii ibsaniiru.

Misoomni walirraa hincinne magaalattiitti akka saffisu akkasumas nageenyi amansiisaan akka jiraatu gomaacha guddaa taasisaa akka jiran dubbataniiru.

Bara bajataa xumurame caasaa nageenyaa hundaa waliin ta’uun hojiin guddaan hojjetamuusaa eeraniiru.

Miseensonni raayyaa nageenyaa qaamolee nageenyaa biroo waliin ta’uun Taateewwan tibbana Finfinneetti gaggeefaman milkaa’inaan akka xumuraman waloomaan akka hjojjetan himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015