Hojiilee Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Baatii Adoolessaa fi Hagayyaa keessa raawwatan

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad baatii Adoolessaa fi Hagayyaa bara 2017 ajandaa si’ataa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf karroorawwan tarsiimawaa ijoo, raawwii pirijektoota biyyaalessaa gurguddoo fi waliigaltee ijaarsaa, waliigaltee doolaara biiliyoona 2.5  kompileksii oomisha xaa’oo Yuuriyaa hundeessuuf taasifame dabalatee hojiilee walitti fufan raawwataniiru.

Waajjirri ministira muummee akka beeksisetti, hojiiwwan adda duree ministirri muummee baatiiwwan kana keessatti raawwatan keessaa miseensota paartii badhaadhinaa waliin ta’uun hojii kooriidaraa pilaazaa Inxooxxoorraa amma araat kiilootti haaraa hojjetame eebbisuun kan jalqabaati.

Kanaan walqabatee ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad walgahii mana maree badhaadhinaan booda hojiin misooma Qarqara lagaa maalirra akka jiru waliin ilaalaniiru. Boqonnaa Kanaan hojiin kun kutaalee magaalaa shanitti kan fulla’u ta’ee km 21.5 dheerata. Pirojektichi daandii lafoo, daandii bishkiliitii, pilaazaawwan ummataa, bakka konkolaataan dhaabatu, bakka daa’imni itti taphatan, suuqii fi Tiiyaatira Amfii ofkeessaa qaba.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad baatiiwwan kana keessa hojii dhaabbilee industirii oomishaa garagaraa fi dandeettii oomishaa ammatti irra gahan (Production Capacity) irra deemuun ilaalaniiru. Fakkeenyaaf daawwannaa paarkii  Industirii  Hawaasaatti taasisaniin kaampaaniiwwan paarkicha keessatti hojiirra jiran aduurraa anniisaa kan maddisiisan oomishaaa akka jira ilaalanii raajeffataniiru. Hojiin kun galteen kan itti dabalamee fi galmootaa fi imaammattoota biyyattiin akeekte kan milkeessan pirojektoota haala jijjiiran xiyyeeffannaa kan taasisu tarsiimoo invastimantii keenya waliin kan wal sime jechuun ibsan ministirri muummee.

Kutaa kibba biyyattiitti imaluun hojiiwwan misoomaagaragaraa fi raawwiipirojektootaa ilaaluu kan itti fufan ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad, magaalaa Arbaa Mincitti pirojektii maaddii dhalootaaf jedhu dabalatee hojiilee misoomaa raawwatamaa jiran daawwataniiru. Keessumaa hojiin pirojektii maaddii dhalootaaf guddaa waan ta’eef Magaalaa Arbaa Minci yaa’iiwwan garagaraa akka keessummeessitu  ishee dandessisa.

Ministirri muummee wayita kana akka ibsanitti, misoomni qarqara lagaa Kulfoo Kanaan dura kan argine caalaa bal’inaan raawwatame bifa addaa magaalattiif dabalata ta’eera jedhan. Karaan bosona Arba Mincitti seensisu haaraan kan hojjetaman yoo ta’u gaarreen, bishaanii fi bosona naannoo qaqqabuuf ulaa ta’aniiru. Daawwannaa dirree misooma walittifufaa Kanaan bu’aalee misooma magariisaa akkasumas misooma muduraa Arbaa Mincii amma Walaayittaa Sooddootti irra deemanii daawwataniiru. Kanaan walqabatee ministirri muummee daawwannaa Walaayittaa Sooddootti taasisaniin, fedhiin cimaan biyyaalesaa naannawichi Itiyoophiyaa magariisaa uumuuf raga ta’uu mirkaneessaniiru. Dabalataanis ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad gara naannoo Baaniishaangul Gumuz dhaquun bu’a qabatamaa hojin misooma kooriidaraa fi misooma Industirii magaalaa guddoo naannichaa Asoosaa fi naannawasheetti agarsiise ilaalaniiru. Ministirri muumee Dr. Abiyyi Ahimad Keessumaa bu’aa hojii dinqisiisaa kan ta’e Warshaa warqee Kurmuk Asoosaarraa km. dhibbatti lakkaa’amurratti argamu ilaalaniiru. Ilaalcha misooma damee hedduutiin albuunni damee ijoo tokkodha kan jedhan ministirri muummee, mul’anni kun akka milkaa’u naannoon Beeniishaangul Gumuz qooda ijoo akka qabu raga bahaa jira jechuun ibsaniiru.

Pirojektoota biyyaa gurguddoo qaamaan argamuun daawwachuuf Sochii taassisaniin, Ministirri Muumee  Dr.Abiyyi Ahimad fi  Giifti duree Zinnaash Taayyaachoo, Qondaaltotaa Mootummaa Olaanoo waliin ta’uun Gidduu gala Konveekshinii Idil Addunyaa Xumurame, Koriidarii Vii ayi pii Gooroo, daawwataniiru.

Kan Biraan Kabajamoon Ministirri  Muummee Dr.Abiyyi Ahimad  baatii  kana keessa hojiiwwan hojjetan, kitaaba isaanii yaada Ida’amuurratti  barreessan, 4ffaa fi haaraa “Mootummaa Ida’amuu’’  kan jedhuun wal-qabatee Faanaa Miidiyaa  korporeeshinii waliin   gaaffii fi deebii bal’aa taassisanidha. Ibsa isaaniin yaadni Kitaaba Mootummaa Ida’amuu kan waloo fi mo’ataa akka ta’uu kan dandeessisan adeemsota hedduu keessa  kan darbe ta’uu ibsaniiru. Akka  ibsa Ministira Muummeetti, keessumaa Falaasamaa fi Yaadama  Ida’aamuu  keessumaa modeelaa Bulchiinsa Ifaa fi bal’inaan fudhatama qabu fi eenyummaa  biyyoolessa Itiyoophiyaan bocamee, amantaa Uummataa kan horate  ta’uu  ibsaniiru.

Gama biraan Cehumsa Qonna Itiyoophiyaaf guddina guddaa akka ta’u  kan amaname qaama invastimantii tarsiimoo mootummaa kan ta’e Invastimant hooldiing Itiyoophiyaa fi  gareen Daangootee Naannawa Godeetti kompileeksii xaa’oo oomishu kan sadarkaa idil addunyaa eeggate hundeessuuf mallatteessaniiru.

Invastimatii  pirojektii  doolaara  Biiliyoona 2 tuqaa 5 itti bahe waggaatti hanga meetirik toonii miiliyoona sadii omishuu kan danda’u yoo ta’u, sadarkaa Addunyaatti waarshaawwan gurguddoo keessatti tti kan ramadamu ta’a. pirojeektiin kun baatiiwwan afurtamatti akka xumuramu karoorfame kun Itiyoophiyaanota kumaatamaan lakka’amaniitiif carraa hojii  kan  uumu yoo ta’u, Itiyoophiyaa hirkatummaa alaa galchuurraa bilisa baasuun riijinicha gidduu gala omisha Xaa’oo nitaasisa.

Walumaa galatti Baatii Adoolessaa fi Hagayya bara 2017 Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad raawwii Pirojektoota  biyyaa gurguddoo ilaachisuun naannoo biyyattii adda addaa deemuun daawwannaa kan gaggeessanii fi sochiin pirojektootaa  akka saffisu qaamaan argamuun  kallattii kan itti kaa’an baatii milkaa’inaa ture.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015