Buufanni Xiyyaaraa Yaaballoo Tajaajila Eegaluunsaa gaaffii bara dheeraa deebiseera-Pirezidaat Shimallis Abdiisaa

Hagayya 25/2017(TOI)- Buufanni Xiyyaaraa Yaaballoo Tajaajila Eegaluunsaa gaaffii bara dheeraa ka deebise, fayyadama ummataa qabatamaan kan mirkaneessedha jedhan pirezidaantiin naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa ibsan.

Daandiin qilleensaa Ititoophiyaa naannoo Oromiyaa godina Booranaatti buufata xiyyaaraa Yaaballoo tajaajila jalqabsiiseera.

Pirezidaant Shimallis Abdiisaa wayita kana akka jedhanitti, mootummaan bu’ura misoomaa hatattamaan ijaaruun fayyadama ummataa mirkaneessuuf yoomiyyuu caalaa kutannoon hojjechaa jira.

Bakkeewwan jiddugala biyyaarraa fagaatanii jiran fayyadama bu’ura misoomaa gochuun hawwaasummaa, dinagdee fi siyaasaan walqixa fayyadamoo gochuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Buufanni xiyyaaraa Yaaballoo naannawa booranaatti hojjetamee tajaajila eegaluunsaa daandii fagoo Finfinnee amma Booranaa jiru kan gabaabse ta’uu dubbataniiru.

Buufanni xiyyaaraa kun fayyadama ummataaf faayidaa guddaa akka qabaatu kaasanii, dhaloota har’aa fi boruuf daandii misoomaa kan bane ta’uu dubbataniiru.

Bulchaan godina Booraa Abdusalaam Waariyoo gamasaaniin, sirnoota darban keessa gaaffileen misoomaa ummata Booranaa xiyyeeffannoo osoo hin argatiin turuusaanii dubbataniiru.

Jijjiirama biyyalessaan asitti hooggansa ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin misoomarraa fayyadamaa ta’eera jedhaniiru.

Jijjiiramichi misooma hawaasummaa fi dinagdee ummataa kan mirkaneesse ta’uu eeranii, buufanni xiyyaaraa Yaaballoo hojii eegaluunsaa fayyadama ummataa kan guddisudha jedhan.

Bulchiinsi godinichaa gammoojjummaa naannawichaa bu’ura godhachuun misooma bishaanii fi nyaata loonii fulla’aa hojiirra oolchaa akka jiru kaasaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015