Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa buufata Xiyyaaraa Yaaballoo eebbisanii hojii eegalchiisan

Hagayya 25/2017(TOI)- Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa naannoo Oromiyaatti buufata Xiyyaaraa Yaaballoo eebbisanii hojii eegalchiisaniiru.

Jiraattonni godina Booranaa magaalaa Yaaballoo fi naannawashee fayyadamaa geejjiba qilleensaa waan taataniif baga gammaddan jedhaniiru.

Ummanni Booranaa seenaa Itiyoophiyaa keessatti bakka addaa akka qabu itti aanaan ministira muummee eeranii, ummata sirna Gadaa bara dheeraaf eegee turiise, daangaa biyyasaa eegaa turedha jedhaniiru.

Ummanni Booranaa Bakka Elsood ( Cawu beet) jedhamurraa ashaboo oomishee Itiyoophiyaanota soorachiisaa jiraateera. Kanaafis nigalateeffanna jedhaniiru.

Booranni ongeen qoramaa ture  yeroo ammaa kun hundi darbee rakkoo kana fulla’insaan furuuf hojiitti jirra kan jedhan itti aanaan ministira muummee, hojii ashaaraa magariisaa hiojjennu ongee fi beelli seenaa keena kaleessaa ti malee kan har’aa fi boruu hinta’u jedhaniiru.

Buufanni xiyyaaraa Yaaballoo har’a hojii eegale bu’aa imaammata mootummaa ta’uu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015