Poolisiin federaalaa milkaa’ina hidha haaromsaaf aarsaa lubbuu kaffaluun gumaacha olaanaa gumaacheera-Komishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el - ENA Afaan Oromoo
Poolisiin federaalaa milkaa’ina hidha haaromsaaf aarsaa lubbuu kaffaluun gumaacha olaanaa gumaacheera-Komishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el

Hagayya 25/2017(TOI)- Poolisiin federaalaa raayyaa ittisa biyyaa waliin ta’uun milkaa’ina hidha haaromsaaf aarsaa lubbuu kaffaluun gumaacha olaanaa gumaachuusaa Komishinar Jeneraaliin poolisii federaalaa Itiyoophiyaa Dammallaash Gabramikaa’el ibsan.
Pirojektiin hidha haaromsaa guddichi tumsa Itiyoophiyaanota hundaan ijaarame guyyaa muraasa booda ni’eebbifama.
Ijaarsa hidha kanaa addaddaa gufachiisuuf yaalamus tumsa humnoota nageenyaan fashaleessuun hidhi kun xumurameera.
Komishinar jeneraaliin poolisii federaalaa Itiyoophiyaa Dammallaash Gabramikaa’el TOI waliin turtii taasisaniin, poolisiin federaalaa bu’urri hidha haaromsaa erga kaa’amee eegalee humnoota nagenyaa biroo waliin ta’uun ijaarsisaa akka xumuramu gumaacha guddaa gumaacheera.
Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi hooggansa ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin kufaatiirraa ooluu akka danda’e ibsanii, hidhi kun Adwaa lammaffaa ta’uu himaniiru.
Hidhi haaromsaa amma as gahutti miseensonni poolisii federaalaa mallaqaa alatti aarsaan lubbuu kaffalan injifannoo dacha ta’uusaa himaniiru.
Dabalataanis meeshaalee galtee ijaarsa hidha kanaaf oolu amma hidha haaromsaa qaqqabutti nageenyisaa akka eegamu taasifamuu dubbataniiru.
Walitti aansuun wagga shaniif boondii bituusaa eeranii, poolisiin federaalaa karaa hundaanuu xumuraaf akka qaqqabuashaaraasaa kaa’uusaa ibsaniiru.
Fuulduraafis miseensota eegumsaa galaanarraa fi qarqara galaanaa nageenya hidhichaa eegan eebbisiisuusaa ibsanii, dhaabbilee nageenyaa biroo waliin ta’uun akka hojjetan hi,amiiru.