Paarkiin biyyaalessaa Booranaa akaakuun simbiraa 286 caalan ka keessa jiraatan yoo ta’u arfansaanii achitti qofa argamu - ENA Afaan Oromoo
Paarkiin biyyaalessaa Booranaa akaakuun simbiraa 286 caalan ka keessa jiraatan yoo ta’u arfansaanii achitti qofa argamu

Hagayya 25/2017 (TOI)-Sanyii biqiltuu kuma 1 caalaan kan keessatti argamu Paarkiin biyyaalessaa Booranaa uumamnisaa ajaa’ibsiisaa ta’uu waardiin Paarkichaa Nugusee Waataa ibsaniiru.
Akaakuun simbirroo 286 kan keessatti argaman yoo ta’u kanneen keessa afur paarkii kana keessatti qofa akka argaman dubbataniiru.
Dabalataanis beellanni hoosisan 46 olii fi sanyiiwwwan biqiltuu kima 1 caalan achi keessa jiraatu.
Parkii namoota hedduuf madda galii ta’e kana hawaasnii fi mootummaan xiyyeeffannoon eegaa akka jiran ni’ibsu.
Daawwattootaaf mijataa ta’uu eeranii, Yaaballoorraa kallattii arfaniinuu paarkii biyyaalessaa Booranaa argachuun akka danda’amu eeraniiru.
Yeroo ammaa bal’innisaa kiiloomeetir iskuweerii kuma 6 fi 700 ta’uu kaasanii, Kanaan dura dahannoo beelladaa akka turee fi Waxabajjii 2005 irraa eegalee bifa gurmaa’een paarkii biyyaalessaa ta’eera jedhan.
Paarkii kana Yuuneskootti galneessisuuf hojiileen haal duree hojjetamaa jiru jedhaniiru.
Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa har’a irraa eegalee torbanitti al sadii gara buufata xiyyaaraa Yaaballootti balali’uuf qophii xumuruusaa beeksisuunsaa niyaadatama..
Geejjibni qilleensaa jalqabuunsaa daawwattoonni filmaata akka argatanii fi baay’inni daawwattootaa dabalee hawaasni naannawaa fayyadamaa akka ta’u akka taasisu obbo Nuguseen dubbataniiru.