Piriimer Liigii Ingiliziin Taphi Liivarpuul fi Arenaal taphatan ni’eegama

Hagayya 25/2017(TOI)- Sagantaa turban sadaffaa Piriimer Liigii Ingiliziin Taphi Liivarpuul fi Arenaal har’a taphatan ni’eegama.

Taphni garee lamaanii daawwattoota kuma 61 fi 276 kan qabatu Istaadiyeemii Anfiildi Rooditti  har’a galgala sa’aatii 12:30tti nitaphatama.

Bardheengaddaa waancaa Liigichaaf kan dorgoman taphi garee lamaanii kun guddaa eegameera.

Bara dorgommii darbe tapha lama gareen lamaan taasisan qabxii walfaskkaataa lamaa fi lamaan adda bahuunsaanii niyaadatama.

Biraayiten Maanchastar siitii, Noniingihaam Forest Weestihaam Yunaayitid guyyaa keessaa sa’aatii 10tti akkasumas Astonviilaan Kiristaal Paalaas waliin har’a galgala sa’aatii 3tti nitaphatu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015