Maanchastar Yunaayitid taphaa liigiitiin injifannoo jalqabaa galmeessise - ENA Afaan Oromoo
Maanchastar Yunaayitid taphaa liigiitiin injifannoo jalqabaa galmeessise

Hagayya 24 /2017(TOI)-Sagantaa turban sadaffaa Piriimer liigii Ingiliziin Maanchastar Yunaayitid Barnileeyi goolii 3 fi 2’n mo’ateera.
Tapha olditiraafoorditti gaggeeffameen Biraayan Mibeemoo taphaan, Biruunoo Fernaandeez rukuttaa adabbiin fi taphataan sarara ittisaa Barnleey Joosh Kulen goolii ofiirratti galchuun yuunaayitidiif lakkoofsisaniiru.
Galchiin Farnaandeez daqiiqaa 97ffaarratti galche murteessaa ture.
Laayil Foster fi Jeyiden Antoonii Bernleeyyiif galchaniiru.
Manchastra Yuunaayitid tapha gaarrii kan taasise yoo ta’u taphicha yeroo lama dursee dogoggora sarara ittisatiin itti galeera.
Akkaataa qabxii kanaatiin Maanchastar Yuunaayitid liigichaan injifannoo jalqabaa galmeessisuun qabxii afuriin sadarkaa 9ffaa irra jira.
Bernileeyi qabxiiwalfakkaataa afuriin kaffaltii gooliin caalamee sadarkaa 11ffaarratti argama.
Taphoota biroon Beniwaawuz Totanihaam Hotsipersinin 1 fi 0’n, Everten Wolvisiin 3 fi 2’n fi sandarlaand Bireentifoordiin 2 fi 1’n mo’ataniiru.