Kabajaa fi birmadummaa Itiyoophiyaaf dirqamni hinbaanee fi lubbuun qusannu hin jiru-loltoota eebbifaman

Hagayya 24/2017(TOI)- Kabajaa fi birmadummaa Itiyoophiyaaf dirqamni hinbaanee fi lubbuun qusannu hin jiru jechuun ibsan loltoonni mana barumsaa leenjii Huursoo Kontiinjenti irraa eebbifaman.

Ministeera ittisaatti jiddugala nagaa kabachiisaa manni barumsaa leenjii Huursoo Kontiinjent loltoota marsaa 10ffaaf leenjise eebbisiiseera.

TOI’n kan dubbise loltuun bu’uraa Riyaad Jaafar fi loltuu bu’uraa Maqdas Maanyaazzawaal turtiisaaniin beekumsa loltummaa argachuusaanii dubbataniiru.

Kanaaf kabajaa fi birmadummaa Itiyoophiyaaf dirqamni hinbaanee fi lubbuun qusannu hinjiru jechuun mirkaneessaniiru.

Eebbifamaan biraan loltuu bu’uraa Anwaar Na’iim, turtii leenjii Kanaan naamusa cimaa fi duudhaa raayyaa ittisa biyyaa sirriitti hubachuurra darbee beekumsa loltummaa gadi fageenyaan hubachuusaa dubbateera.

Kanaaf beekumsa argateen biyyaa fi ummatasaa amanamummaa fi qajeeltoon tajaajiluuf qophii ta’uusaa mirkaneesseera.

Aarsaa lubbuu kaffaluun biyyaa fi ummatasaanii tajaajiluuf qophii ta’uusaanii eebbifamtoonni mirkaneessaniiru.

Leenjisaan mana barumsichaa itti aanaan ajajaa kudhanii Goobazee Makaashaa, eebbifamtoonni turtiisaaniin leenjiin guutuun kennamuu yaadachiisanii, ga’umsaan leenji’anii eebbaaf qaqqabuusaanii dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015