Pirojektiin Balaa Tiraafikaa hir’isuu fi lubbuu miidhamtootaa baraaruuf gargaaru qophaa’ee hojiirra oolaa jira - ENA Afaan Oromoo
Pirojektiin Balaa Tiraafikaa hir’isuu fi lubbuu miidhamtootaa baraaruuf gargaaru qophaa’ee hojiirra oolaa jira

Hagayya 24/2017(TOI)-Pirojektiin balaa tiraafikaa hir’isuu fi lubbuu miidhamtootaa baraaruuf gargaaru qophaa’ee hojiirra oolaa akka jiru tajaajilli nageenya daandii fi fandii inshuraansii ibse.
Kabachiifni seera tiraafikii fooyya’ee fi pirojektiin Addis-Adaamaa-Baatuu-Shaashamannee deebii kkennaa balaan boodaa har’a jalqabameera.
Hojii raawwachiisaan olaanaa tajaajila nageenya daandii fi fandii inshuraansii Jamaal Abbaasoo akka dubbatanitti, pirojektichi lubbuu lammiilee balaa tiraafikaaf saaxilamanii baraaruu fi balaan booda deebii hatattamaa kennuuf kan gargaarudha.
Pirojektiin kun balaa tiraafikaa dhibbantaa 50 akka hir’isu qorannoon adda baafamuusaa kaasaniiru.
Kunis biyya keenyatti balaa tiraafikaa hir’isuu fi lubbuu miidhamtootaa baraaruuf qooda olaanaa qaba jedhaniiru.
Pirojektichi naannolee Oromiyaa, Amaaraa fi Jiddugala Itiyoophiyaatti hojiirra oolchuuf hojjetamaa akka jiru eeraniiru.
Hojii kana raawwachuuf ambulaansonnii fi konkolaattonni ammayyaa, motor biskileetonni nageenya tiraafikaa qophaa’aniiru jedhaniiru.
Poolisiin tiraafikaa, ejensiiwwan geejjibaa fi dhaabbileen fayyaa balaan booda debii qindaa’e akka kennan hojmaanni diriirfamuu dubbataniiru.
Pirojektichi deeggarsa maallaqaa baankii addunyaarraa argameen waggaa tokkoof kan turu ta’uu hojii raawwachiisaan tajaajilichaa dubbataniiru.
Itti aanaan hoogganaa ejensii geejjibaa naannoo Oromiyaa obbo Lachiisaa Hayyuu gamasaaniin, Kooriidarri geejjibaa Addis Adaamaa-Baatuu-Shaashamannee Tiraafikiin kan itti baay’atuu fi balaan deddeebi’ee kan itti bay’atudha jedhaniiru.
Pirojektichi Hoospitaalonni, poolisii fi ejensiiwwan geejjibaa walitti hidhuun naannichatti balaa tiraafikaa hir’isuuf hojii hojjetamu deeggaruurratti qooda ijoo akka qabaatu ibsaniiru.
Keessumaa miidhaa miidhamtootarra gahu hir’isuu fi lubbuusaanii baraaruuf akka gargaaru dubbataniiru.