Godina Wallagga Lixaaxtti biqiltuuwwan bunaa dhukkuba dandamachuun Oomisha Fooyya’aa kennan babal’achaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Godina Wallagga Lixaaxtti biqiltuuwwan bunaa dhukkuba dandamachuun Oomisha Fooyya’aa kennan babal’achaa jiru

Hagayya24/2017(TOI)-Godina Wallagga Lixaatti Biqiltuuwwan Bunaa wiirtuu Qorannoorraa argamanii fi dhukkuba dandamachuun yeroo gabaabaatti oomisha fooya’aa kennan babal’isuun Qonnaan bulaa fayyadamaa taassisuuf hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise.
Waajjirichatti dursaa Garee Misooma Bunaa Obbo Efireem Masfin akka ibsanitti, Godinichatti Misooma Bunaa cimsuun fayyadamummaa Qonnaan bulaa guddisuuf hojjetamaa jira.
Kanaanis Sanyii Bunaa Gidduugala Wiirtuu Qorannoorraa argaman dhukkuba dandamatanii omisha fooya’aa kennan, baay’inaa fi Qulqullinaan misoomsuun omisha damichaan argamu guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Godina wallagga Lixaatti waxabajjii walakkaarraa hanga Hagayya walakkaatti Misoomni Bunaa akka raawwatamu ibsuun, Biqiltuuwwan Bunaa baatii Gannaa kanatti Dhaabbaman Wiirtuu Qorannoo Qonnaa Jimmarraa kan argaman ta’uu beeksisaniiru.
Biqiltuuwwan kun baay’inaa fi qulqullinaan omisha fooya’aa kennuu akka danda’an ibsaniiru.
Akka ibsa Obbo Efireemitti Godinichatti biqiltuuwwan Bunaa lafa hektaara kuma 62 fi 251rratti kan dhaabbatan yoo ta’u, Buufata Biqiltuu Mootummaa fi dhuunfaa 430 keessatti kan qophaa’anidha.
Godinichatti Jiraataan Aanaa Gimbii Qonnaan bulaa Lalisaa Dirribaa akka dubbatanitti, walakaa hektaara lafa qaban gorsa ogeessaan deeggaramuun biqiltuu bunaa haaraa dhaabaniiru.
Waggaa Waggaan Muuxannoo Buna dhaabuu qabaachuu kan ibsan Qonnaan Bulaan kun, fuuldurattis hojii Misooma Bunaa cimsanii akka itti fufan ibsaniiru.
Dabalataanis Jiraataan Aanaa Laaloo Assaabii Qonnaan Bulaa Alamaayyoo Karoorsaa gamasaaniin dhuunfaasaanin Biqiltuu Bunaa Sanyii fooya’aa kuma 3 dhaabuusaanii dubbataniiru.
Biqiltuuwwan Bunaa kun Qorannoon kan mirkanaa’aan ta’uun olitti dhukkuba dandamatanii yeroo dhihoo keessatti Omisha kan kennan ta’uu dubbataniiru.
Akka Odeeffannoon Waajjira Qonnaa Godina Wallagga Lixaarraa argame mul’isutti, Godinichatti lafti hektaarri kuma 600 fi 610 Biqiltuu Bunaan misoomaa jira.