Oomisha baala Shaayee biyya keessatti fayyadamuurra darbee madda sharafa alaa gochuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Oomisha baala Shaayee biyya keessatti fayyadamuurra darbee madda sharafa alaa gochuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira

Hagayya 24/2017(TOI)- Oomisha baala Shaayee biyya keessatti fayyadamuurra darbee madda sharafa alaa gochuuf damicharratti xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru abbaan taayitaa bunaa fi shayee Itiyoophiyaa beeksise.
Itti aanaan daarektara olaanaa abbaa taayitichaa obbo Taagaayi Nuuruu TOI’f akka ibsanitti, jijjiiramaan dura xiyyeeffannoon baala Shaayeef kenname xiqaa akka ture ibsaniiru.
Jijiiramaan boda xiyyeeffannoo kennameefiin inishetiiviin baala shaayee bocamee hojiirra ooluu dubbataniiru.
Yeroo ammaa inisheetiiviin misooma Shaayee naannoo Oromiyaa fi kibba lixa Itiyoophiyaatti hojiirra oolaa jiraachuu eeranii,bar-dheengaddaa fi barana dabalatee lafti heektaara kuma saii caalu baala Shaayeen qabamuu dubbataniiru.
Shaayee Wushwushii fi Gumarroo amma tokko damee dhuunfaan biyya alaatti kan ergamurraa kan hafe irra caalaan fayidaa biyya keessaaf oolaa akka jiru dubbataniiru.
Lafti asiidiin miidhamee fi oomishtummaansaa dhibbantaa 50 ol hir’ate misooma shaayeef mijataadha jedhaniiru itti aanaan daarektara olaanaa kun.
Misooma shaayee naannolee lamaaniin alatti Kibba Itiyoophiyaa, jiddugala Itiyoophiyaa bakkeewwan gaara Guraagee, Amaaraa fi naannolee biroottis babal’isuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Baalli Shaayyee baddaatti misoomu gabaa addunyarratti barbaadamaa ta’uu ibsanii, misooma kana baddaa biyya keenyaatti babal’isuuf በqorannoon taasifamaa akka jiru eeraniiru.
Misoomni shaayee baasii malee namoota kumaan lakkaa’amaniif carraa hojii uumuun gamatti sharafa alaa oomisha alergiirraa argamu guddisuuf qooda guddaa akka qabu himaniiru.
Baalli shaayee waggaa lama dura dhaabame waggaa dhifu oomisha kennuu eegala kan jedhan obbo Taagaayi oomisha kana qulqullinaan oomishuu fi gabaa addunyaaf dhiheessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jirra jedhaniiru.
Industiriiwwan baalli shaayee itti qiqindaa’u dhaabamaa jiraachuu ibsanii, bara bajataa kana industiriiwwan baala shaayee oomishan toorba akka hundaa’an dubbataniiru.
Waggoottan dhufanis baalli shaayee bunatti aansee biyya keenyaaf sharafa alaa akka argamsiisu gochuuf hojjetamaa akka jiru obbo Taagaayi ibsaniiru.