Naannoo Oromiyaatti dargaggoota miiliyoona lama tuqaa toorba gurmeessuun hojiitti galchuuf karoorfameera

Hagayya 24/2017(TOI)- Bara  bajataa 2018 Naannoo Oromiyaatti dargaggoota miiliyoona lama tuqaa toorba gurmeessuun hojiitti galchuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu biiroon carraa hojii uumuu fi ogummaa ibse.

Itti aanaan hoogganaa Biiroo carraa hojii uumuu fi ogummaa naannichaa Habtaamuu Kaasaa akka jedhanitti, dhimmoota dhimmoonni biirichi urratti xiyyeeffatee hojjechaa jiru keessaa  misoomni Intarpiruunarshiippii isa tokkodha.

Ilaalcha jijjiiruun kaka’umsa uumuu akkasumas ogummaa guddisuu fi  carraa hojii uumuun kallattiiwwan xiyyeeffannoo ta’uu dubbataniiru.

Bara bajataa 2017 teekniniikaa fi ogummaan akkasumas dhaabbileen leenjii naannichatti argaman namoota miiliyoona shan caalaniif leenjii Intarpiruunarshiippiin kennuusaanii kaasaniiru.

Bara bajatichaa namoota hojii barbaadan miiliyoona lama tuqaa lama Intarpiraayizoota kuma 182 jalatti gurmeessuun hojiitti akka galan taasifamuu ibsaniiru.

Hojiif biyya alaatti erguu fi qacarrii biyya keessaa ilaalchisee dargaggoota miiliyoona lama tuqaa saddet hojiitti hojiitti galchuun akka danda’ame dubbataniiru.

Bara bajataa 2016 liqiin birrii biiliyoona sadii tuqaa lama caalu kennamuu yaadachiisanii, bara bajataa 2017 liqiin birrii biiliyoona 16 tuqaa 9 caaluu fi lafti heektaara kuma 98 caalu dhihaachuu himaniiru.

Hojii carraa uumuu bara bajataa 2018  hojjetamuun mootummaa qofa osoo hintaane damee dhuunfaa hirmaachisuuf karoorfamuu dubbataniiru.

Bara bajataa 2018 dargaggoota miiliyoona lama tuqaa toorba gurmeessuun hojii jalqabsiisuu fi birrii biiliyoona 25 ol liqii kennuuf karoorfamuu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015