Magaalaa Finfinneetti qamolee daldala seeraan alaa raawwatanirratti to’annaan cimaan taasifamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Magaalaa Finfinneetti qamolee daldala seeraan alaa raawwatanirratti to’annaan cimaan taasifamaa jira

Hagayya 24/2017(TOI)-Konkolaattonni fe’isaa, Miiniibaasoonnii fi konkolaattonni xixiqqaan Finfinnee seensnii fi bahan, bakkaa bakkatti deeman fe’isa fe’aniif naga’ee seera qabeessa qabachuusaanii to’annaan taasifamaa akka jiru biiroon galiiwwanii bulchiinsa magaalichaa beeksiseera.
Biirichatti daarektarri komunikeeshinii obbo Sawunnat Ayyalaa TOI’f akka ibsanitti, biirichi oppireeshiniin abbaa taayitaa maanajmantii tirafiikaa magaalattii waliin qindaa’uun adeemsisaa jiru meeshaan konkolaattonni fe’an kamiyyuu naga’eedhaan bittaa fi gurgurtaan raawwatamuusaa mirkaneessuuf kan akeekamedha.
Torban tokko keessatti to’annaa kutaa magaalaa addaddaatti gaggeeffameen kolfee Qaraaniyooti konkolaattonni 11, Nifaas Silk Laaftootti 4, Aqaaqqii Qaallittiitti 5, Lammii Kuraatti 7 akkasumas Gullalleetti konkolaattonni 7 meeshaa fe’aniif naga’ee osoo hinqabanne argamuusaanii iibsaniiru.
Kanaaf gocha seeraan alaa raawwatameef tarkaanfii adabbii bulchiinsaa fudhachuurra darbee meeshaa fe’aniif naga’ee seera qabeessa akka kutan taasifamuu himaniiru.
Hojiin to’annoo kun kallattii hundaan konkolaattonni galteewwan konistiraakshinii, shaqaxootaa fi oomishaalee soorataa bakkaa bakkatti wayita geessan naga’ee bittaa fi gurgurtaa seera qabeessa qabachuusaanii mirkaneessuuf ta’uu eeraniiru.
Kanaaf abbootiin konkolaataa fi konkolaachiftoonni akkasumas daldalaan oomisha konkolaataatti fe’ee deemu kamiifiyyuu naga’ee seera qabeessa guyyaa sana kutame qabachuu fi hojjettoota to’attoota biiroo galiiwwanii magaalichaatti agarsiisuuf ittigaafatama akka qabu ibsaniiru.