Sagantaan Piriimerliigiin Ingiliz Torbaan 3ffaan taphoota har’a gaggeeffamaniin eegala. - ENA Afaan Oromoo
Sagantaan Piriimerliigiin Ingiliz Torbaan 3ffaan taphoota har’a gaggeeffamaniin eegala.

Hagayya 24/2017(TOI)-Tapha Piriimer liigii Ingiliz torbaan 3ffaa oolmaa guyyaa jalqabaan taphoonni ja’a nigaggeeffamu.
Kilaboonni Landan Chelsii fi Fulhaam guyyaa sa’aatii 8: 30tti Istaadiyeemii Istaamford biriijtti Taphatu.
Taphoota lamaaniin qabxii 4 kan argate Chelsiin qabxii afuriin sadarkaa 4ffaa qabateera.
Faallaa Kanaan Tapha liigichaa lama gaggeessee qabxii lama qofa kan argate Fulhaam sadarkaa 13ffaa irra jira.
Sagantaawwan biroon liigichaan jalqabbii gaarii kan hin agarsiifne Maanchestar Yuunayitid Bernileey waliin guyyaa sa’aatii 11:00 nitaphata.
Maanchestar Yuunayitid qabxii tokkoon sadarkaa 16ffaa kan qabate yoo ta’u, guddattuu haaraan Bernileey qabxii sadiin sadarkaa 11ffaa irratti aragama.
liigichatti Yuunaayitid injifannoosaa jalqabaa argachuuf taphata.
Liigichatti Sadarkaa 2ffaa irratti kan argamu Totenihaam hotispersi, Bornimaawuz waliin, wolverhampiten, wondirersi evertenii fi Senderlandi Birentifordi, waliin haaluma wal fakkaatuun guyya sa’aatii 11tti nitaphata.
Liidsi Yuunayitid Niwukaastil Yuunaayitid waliin galgala sa’aatii 1 :30tti taphata.