Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa bu’aa tumsaa fi kutannooti-miseensota raayyaa ittisaa

Hagayya 21/2017 (TOI)- Milkaa’inni hidha haaromsaa Itiyoophiyaa agarsiiftuu tumsaa fi kutannooti jedhan miseensonni raayyaa ittisa ittisa biyyaaTOI’n dubbise.

Hidhi haromsaa Itiyoophiyaa gudichi ibsitii bara bayyanachuu Itiyoophiyaa gamtaan dhugoome akkasumas agarsiiftuu waldanda’uuti.

Waxabajjii 26 bara 2017 miniatirri muummee D.r Abiyyi Ahimad mana mare bakka bu’oota ummataatti argamuun ibsa kennaniin, hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi dhamaatii meeqaan ijaarame baatii Fulbaanaa akka eebbifamu dubbachuunsaanii niyaadatama.

Itiyoophiyaan fayyadamummaa waloo hidha haaromsaa tiyoophiyaa guddichaa irratti ejjennoo cimaa akka qabdu dubbachuunsaaniis akkasuma.

Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi tokkummaan seenaa hojjechuun akka danda’amu kan itti mirkanaa’e dhaala dhalootaa dhalootatti cehudha.

Letenaal Koloneel Dastaa Daanaa yaada kennaniin, hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi guduunfaa Itiyoophiyaanotaan kan ijaarame, qabeenya hundaa fi hambaa bara kanaati jedhaniiru.

Itiyoophiyaanonni waliin tumsuun kan milkeessan qabeenya biyyaa ta’uu kan kaasan  Letenaal Koloneelichi  dhugoomuu Hidha Haaromsaaf qoodni Raayyaa olaanaa ta’uu Kaasaniiru.

Raayyaan Ittisa biyyaa Hundeeffama Hidhichaatii eegalee  halkanii fi  guyyaa nageenya hidhichaa eeguuf hojjechaa akka ture ibsaniiru.

Xumuramuun hidhichaa gammachuu guddaa Itiyoophiyaanotaa ta’uu eeruun, qabsoon  Raayyaa qabatamaan kan keessatti mul’ate ta’uu dubbataniiru.

Kumaalaa Aschaaloo Nyaanyukee akka jedhanitti, hidhichi raayyaa ittisa biyyaatiif  hiika addaa akka qabu eeruun, raayichi  hidha kana  yeroo hunda dammaqee  eegaa jiraachuu  dubbataniiru.

Hidhi haaromsa guddicha Itiyoophiyaa Raayichaaf qaama dhiigasaa fi wabii jireenyasaati kan jedhan kumaalaan kun, Itiyophiyaanotaaf bu’uura jiraachuu ta’uu eeraniiru.

Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa guddicha Adwaa 2ffaadha kan jedhan immoo  kumaalaa Sintaayyoo Lammaa ti.

Hidhichi gamtaa fi Miirri nidanda’amaa Itiyoophiyaanotaa  qabatamaan kan keessatti mul’ate ta’uu  eeruun,  Mallattoo tokkummaa  Ashaaraan nama hunda  ta’uu  ibsaniiru. 

Itiyoophiyaanonni tokkummaan yoo dhaabbatan  waanti hin milkeessine akka  hin jirre Hidhi Haaraomsa Itiyoophiyaa  Guddicha Ragaa jiraataa ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015