Dhaloonni quuqama misoomaa bara dheeraa hidha haaromsaa guddichaan milkeesseera-Injiinar Dr. Habtaamuu Ittafaa

Hagayya 21/2017(TOI)- Dhaloonni daneettii isaa fi irree cimaan quuqama misoomaa bara dheeraa hidha haaromsaa guddichaan milkeessuusaa ministirri bishaanii fi Inarjii Injiinar Dr. Habtaamuu Ittafaa ibsan.

Pirojektiin guddichi anniisaa maddisiisu kan Itiyoohiyaan tumsa lammiisheen dhugoomsite dammaqina addunyaa raajjeffachuiisuun haala addaan eebbifamuuf qophiin taasifamaa akka jiru ibsaniiru.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad milkaa’ina hidha haaromsaa Itiyoophiyaa ilaalchisuun “Jalqabbiin bayyanachuu Itiyoophiyaa ida’ama waliigalaa, copha dhiigaa, copha dafqaa, copha imimmaanii, copha bishaanii  ilaalchisuun ta’uu, hidhi kun mallattoo barabaraa ta’ee dhalootaaf raga baha nijiiraata” jechuun ibsuunsaanii nibeekama.

Ministirri bishaanii fi Inarjii injiinar Dr. Habtaamuu Ittafaa ergaan ministira muummee milkaa’inni hidha haaromsaa dhiigaa fi dafqaan kan hidhame bu’ura bayyanachuu Itiyoophiyaa ta’uu kan hubachiisedha jedhaniiru.

Fuulduras badhaadhina Itiyoophiyaaf hidha haaromsaan alatti ergaa milkaa’inoota garagaraa guddaa milkeessuun akka danda’amu hubachiise ta’uu dabalanii ibsaniiru.

Dhaloonni kun dandeettiisaatiin hidha haaromsaa irreesaatiin dhugoomsuun quuqama Itiyoophiyaa bara dheeraa kan milkeessee fi dhaloota goota misooma boonsaa raawwate ta’uu dubbataniiru.

Milkaa’inni Pirojektii Afriikaa hidha haaromsa guddichi kun ashaaraa misoomaa dhaloota dhufuuf hiika guddaa qabu ta’uu ibsaniiru.

Humni elektiriikii hidhi haaromsaa maddisiisu qaqqabiinsafedhii anniisaa  biyyaalessaa fi riijinii bal’isuuf humna guddaa ta’uusaa himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015