Pirojektoonni Invastimantii Zoonii Industiriitti Ijaarsarra jiran carraa hojii uumuun   fayyadamoo nu taassisaa  jiru-Dargaggoota

Hagayya 21/2017(TOI)-Magaalaa Hararitti  Pirojektoonni Invastimantii Zoonii Industiriitti Ijaarsarra jiran carraa hojii uumuun fayyadamoo taassisaa jiraachuu Dargaggootni Naannichaa dubbatan.

Naannichatti dureeyyiin Eeyyama Invastimantii fudhatan saffisaan gara ijaarsaatti akka galaniif hojjetamaa jiraachuu Biiroon Misooma Intarpiraayizii fi Industirii Naannichaa ibseera.

Zoonii Industirii Magaalichatti argamutti Damee Opireetara Maashinaan carraan hojii uumameefii hojjechaa kan jiru Dargaggoo Habtaamuu Gadaamuu, Zooniin Indusatirii kun dargaggoota qofaaf osoo hin taane Hawaasa biroofis  carraa  hojii  uumaa jira jedheera.

Caraa hojii ogummichaan uumameefiin fayyadamuun ofii fi maatiisaa fayyadaa jiraachuu kan eere dargaggoo Habtaamuun,  hojiin kun cimuu akka qabu ibseera.

Pirojektoonni Invastimentii carraa hojii argamsiisuu irra darbee dandeettii ogummaa adda addaa akka qabaannu nu taassisaa jira jedha carraan hojii kan uumameef  Dargaggoo  Badiruu Jamaal.

Dargageessi kun carraa hojii uumameefiin fayyadamaa ta’uu ibsuun “Abbootiin Qabeenyaa hundi naannoo qabeenya horatanitti carraawwan filannoo Invastimantii uumuun dargaagoota Naannichaa fayyadamtoota carraa hojii taassisuu qabu” jechuun ibseera.

 Zoonii Industirii Magaalichatti argamu keessatti Eeyyama Invastimantii argachuun gara ijaarsaatti kan galan ObboYimaaj Indiriis akka jedhanitti, eeyyama Invastimantii erga fudhatanii baatii Afur keessatti hojii ijaarsaa guutummaa guutuutti  xumuruusaanii  ibsaniiru.

 Waarshichi bara 2018 guutummaa guutuutti gara hojiitti yeroo galu dargaggoota hedduuf   carraa hojii akka uumu kan ibsan Obbo Yimaaj,  kunis caraa hojii mootummaan dargaggootaaf mijeessu cinaatti qooda koo bahuutiif ni deeggara jechuun  dubbataniiru.

Itti Gaafatamaan Biiroo Misooma Intarpiraayizii  fi Industirii  Naannichaa Obbo Usmaa’il Yuusf TOI’f akka ibsaniti, Invastimantii naannichatti guddisuu xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.

 Bara Baajataa Xumurametti  Abbootii Qabeenyaa kaappitaala birrii  biiliyoona 2 tuqaa 9 galmeessisan eeyyama Invastimentii fi lafti kennamuu dubbataniiru.

Dureeyyiin damee Manufaakcharingii fi Tuurizimiin eeyyama fudhachuusaanii eeruun, kunis guddina Dinagdee saffisaa deeggaruurra darbee carraa hojii kan uumudha jedhaniiru. 

Abbaan qabeenyaa saffisaan hojii Ijaarsaa akka raawwatuuf hordoffii fi to’annoo raawwatamaa jiraachuu hubachiisaniiru.

kanaanis Naannichatti damee hundaan hojii Invastimentii raawwatamaa jiran  bu’aa argamsiisaa jiraachuu obbo Usmaail ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015