Xaa’oon kuntaala miiliyoona 17 tuqaa 5 caalu qonnaan bulaa fi walakkaaf qonnaan bulaaf qoodamaa jira-Korporeeshinii hojiiwwan qonnaa Itiyoophiyaa - ENA Afaan Oromoo
Xaa’oon kuntaala miiliyoona 17 tuqaa 5 caalu qonnaan bulaa fi walakkaaf qonnaan bulaaf qoodamaa jira-Korporeeshinii hojiiwwan qonnaa Itiyoophiyaa

Hagayya 21/2017 (TOI)-Xaa’oon Daappii fi Yuuriyaa kuntaala miiliyoona 17 tuqaa 5 ol bara oomishaa 2017/18’f amma ammaatti biyya galfame qonnaan bulaaf raabsamaa akka jiru korporeeshiniin hojiiwwan qonnaa Itiyoophiyaa beeksise.
Korporeeshinichi xaa’oo bara oomishichaaf biyya alaarra bitamu kuntaala miiliyoona 24 keessaa amma Hagayya 21 bara 2017tti kuntaalli miiliyoona 18 fi kuma 962 fi 484 buufata Jibutii qaqqabuusaa hojii gaggeessaan hooggansa hojii komunikeeshinii fi ittigaafatama hawaasummaa dhaabbatichaa Gaashaawu Ayichiluhim TOT’f ibsaniiru.
Kana keessaa kuntaalli miiliyoona 17 fi kuma 507 fi 432 ykn dhibbantaan 92 tuqaa 3 biyya galfamee karaa waldaalee hojii gamtaa qonnaan bulaa fi walakkaan qonnaan bulaaf raabsamaa akka jiru dubbataniiru.
Buufatarra kan jiru kuntaalli miiliyiina 1 fi kuma 455 fi52 konkolaattota fe’isaa fi Baaburaan har’aa eegalee biyya galchuun akka ittifufu dubbataniiru.
Oduu walqabateen Hagayya 21 irraa eegalee amma Fulbaana 13 bara 2018tti xaa’oon dabalataa kuntaala 3 tuqaa 7 dooniiwwan toorbaan Buufata Jibutii niqaqqaba jdhamee akka eegamu obbo Gaashaawu ibsaniiru.