Godina Shawaa bahaatti qonnaan bultoota kuma 158 ta’aniif waraqaan raga qabiyyee lafa baadiyyaa mirkaneessu kenname

Hagayya  21/2017(TOI)- Godina Shawaa bahaatti qonnaan bultoota kuma 158 ta’aniif waraqaan raga qabiyyee lafa baadiyyaa mirkaneessu kennamuusaa waajjirri lafaa godinichaa beeksise.

Hoogganaan waajjirichaa obbo Kiisuu Lammaa TOI’f akka ibsanitti, lafti qabeenya ummataa fi mootummaa murtaa’aa waan ta’eef lafa sirna kaadaastaraan galmeessuun misooma barbachisuuf  oolchuun qooda olaanaa nibaha.

Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti hojiin galmee sirna kaadaastaraan qabiyyee lafa baadiyyaa sadarkaa yaaliitti godina Shawaa bahaa aanaa Adaamii Tulluu ganda Duudichaatti  jalqabame yeroo kanatti aanaalee sagal keessattu hojiirra ooluu ibsaniiru.

Kan baranaa dabalatee waggoottan shanan darban qonnaan bultoota kuma 157 fi 969’f waraqaan raga qabiyyee oyiruu mirkaneessu kennameera jedhan.

Waraqaan raga qonnaan bultootaaf kenname qabiyyee lafa baadiyyaa heektaara kuma 200 kan waliin gahe yoo ta’u qabiyyeewwan galmaa’anii waraqaa raga kaartaa kennameef sirna odeeffannoo ammayyaa keessa galfamuu himaniiru.

Gandoota baadiyyaa godinichaa 270 keessaa amma ammaatti gandoota 204’f qabiyyeenlafa baadiyyaa  sirna kaadaastaraan galmaa’uusaa ibsaniiru.

Sartafikeettiin kun falmii lafarratti ka’u hambisuun maallaqa, humnaa fi yeroo qonnaan bulaan mana murtiitti dabarsu hambisuun oomisha guddisuurratti akka xiyyeeffatu nitaasisa jedhaniiru.

Kaartaan kun abbaa warraa fi haadha warraa walqixa fayyadamoo gochuurra darbee baankiirraa tajaajila liqii argachuuf, lafasaa kireessuu fi dhaalchisuuf haala mijataa uumuusaa ibsaniiru.

Waggoottan darban qonnaan bultoonni godinichaa kaartaa dijitaalaa isaaniitiin birrii miiliyoona 850 liqeeffatanii fayyadamuusaanii obbo Kiisuun fakkeenya kaasaniiru.

Godinichatti qonnaan bulaan aanaa Lumee ganda Kurmafa Tullee Alamaayyoo Baqqalaa waraqaan raga qabiyyee mirkaneessu kennamuunsaa dhimmoota bulchiinsa gaarii furuu fi laficha sirnaan misoomsuun nigargaara jedhaniiru.

Lafa heektaara lama fi walakkaa qaban keessaa kaartaan qbiyyee mirkaneessu kan heektaara lamaa kennamuufii dubbataniiru.

Kan yaada kennan kan biraan obbo Faasil Hirphoo gamasaaniin maqaa invastimantii naannessuuf gara zoonii dhufuusaanii ibsanii, waraqaan raga qabiyyee mirkaneessu qabaachuun walitti bu’iinsa sababa lafaan uumamu hambisuuf murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Akkasumas qabeenya uumamaa fulla’insaan misoomsuun fayyadamuuf dhaloota dhufuuf dabarsuuf akka gargaaru dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015