Qaamolee seeraan Ala gatii dabalan irratti to’annoon Taassifamu cimee itti fufa - ENA Afaan Oromoo
Qaamolee seeraan Ala gatii dabalan irratti to’annoon Taassifamu cimee itti fufa

Hagayya 21/2017(TOI)-Fooyya’insi Miindaa akka taassifamu ibsamuu hordofee Naannoolee Hararii fi Benishaangul Gumuzitti Qaamolee daballiin gatii sababawaa hin taane raawwatan irratti hojiin to’annon cimee akka itti fufu ibsame.
Itti gaafatamaan Biiroo Misooma Intarpiraayizii fi Industirii Naannoo Hararii obbo Usmaa’il Yusiif TOI’f akka ibsanitti, Naannichatti Daldaltoota ammaan dura omishaalee fi Meeshaalee irratti gatii hin malle dabalan koreen hordofu hundeeffamee hojjetaa jira.
Daldaltoonni Omisha osoo hin dhoksiinii fi daballii gatii seeraan alaa osoo hin taassiin gatii madaalawaan shaqaxoota dhiheessuun hojii gabaa tas-gabbeessuu akka raawwataniif hubannoon uumamuufii dubbataniiru.
kanaanis deeggarsa fi hojii qindaa’aa kutaan Hawaasa Daldalaa raawwateef kan galateeffatan hogganaan kun, yeroo dhihootti waltajjiiwwan hubanaa uumuu dabalataa akka qophaa’an hubachiisaniiru.
Fooyya’insi Miindaa akka taassifamu ibsamuu hordofee faayidaa dhuunfaa dursuun daldaltoota daballii gatii hin malle raawwatan irratti koreen kun to’annoo fi hordoffii cimaaakka taassisu eeruun daldalaanis hojii hin barbaachisne kanarraa akka of qusatu hubachiisaniiru.
Ummannis daldaltoota Omishoota irratti daballii gatii hin malle taassisan yoo isaan mudate eeruu Biiroof kennuun deeggarsa gochuu akka qaban ibsaniiru.
Haalum walfakkaatuun qaamolee seeraan ala daballii gatii taassisan irratti to’annoon taassifamu cimee akka itti fufu kan ibsan Biiroo Daldalaa fi Misooma Gabaa Naannoo Benishaangul Gumuzi.
Itti gaafatamaan Biirichaa Obbo Asir Ibiraahim akka beeksisanitti, baatii dhufu irraa eegalee daballiin miindaa hojjetoota mootumaaf taassifama kan jedhame sirna daldalaa irratti dhiibbaa hamaa akka hin geessisneef hojiin hordoffii fi to’annoo cimee itti fufa.
Kutaan Hawaasa Daldalaa daballii gatii hin mallee fi omisha dhoksuun yoo raawwatamne koreen to’atu dhaabbate hojii hedduu raawwachaa jiraachuu ibsuun, mootummaan dhimmichaaf xiyyeefannoo guddaa kennuu eeraniiru.
Koreen hundeeffame qaamolee haqaa waliin ta’uun sirni daldalaa karaa seera qabeessaan akka raawwatamuu nitaassisa kan jedhan Obbo Asir, Hawaasni qaamolee seeraan ala daballii gatii taassisan eeruu kennuun akka deeggaru gaafataniiru.
Mootummaan haala jireenya lammiilee fooyyessuu fi Dinagdeen biyyattii dameelee hedduumina irratti akn hundaa’e akka ta’u Riifoormiin Dinagdee gooroo bu’aa qabatamaa argamsiisuu isaa ibsaniiru.
Kanaanis sirni daldalaa ammayyaa fi seera qabeessaa kan hordofe akka ta’uuf qoodasaa gumaacheera jedhaniiru.
Haalli Nageenya Naannichaa fooya’aa dhufuusaatiin bara baajataa xumurametti Qonnaan Bulaan Omishalee Qonnaa gara gabaatti dhiheessuun hojii tasgabbii gabaa raawwachuu dubbataniiru.