Itiyoophiyaan tumsa dinagdee fi Invastimantii Kolombiyaa waliin qabdu cimsitee itti nifufti - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan tumsa dinagdee fi Invastimantii Kolombiyaa waliin qabdu cimsitee itti nifufti

Hagayya 20/2017(TOI)- Itiyoophiyaan tumsa dippilomaasii damee dinagdee fi Invastimantii Kolombiyaa waliin qabdu cimsitee akka ittifuftu de’eetaan ministiraa daldalaa fi walitti hidhamiinsa riijinii Yasmiin Wahabrabii ibsan.
Itiyoophiyaan carraalee gabaa bal’aa fi humna nama baratee hedduu kan qabdu biyya invastimantiif mijattu ta’uushee dubbataniiru.
Mariin dinagdee fi biizinaSII Itiyoophiyaa fi Kolombiyaa hooggantoota biyyoota lamaanii fi dureeyyiin Kolombiyaa bakka argamanitti Finfinneetti taa’amaa jira.
De’eetaan ministiraa daldalaa fi walitti hidhamiinsa riijinii Yasmiin Wahabrabii wayita kana Itiyoophiyaa fi Kolombiyaan biyyoota hariiroo dippilomaasii yeroo dheeraa qaban ta’uu dubbataniiru.
Itiyoophiyaan hariiroon biyyoota lamaanii dameelee daldalaa, Invastimantii fi dameelee biroon caalaatti cimee akka ittifufu akka hojjettu eeraniiru.
Fooyyessa dinagdee gooroo guutuu hojiirra oolchuun dureeyyii biyya alaaf haala mijataa uumuushee eeraniiru.
Dameelee qonnaa, Maanuufaakchariing industirrii, humna haaromfamaa, albuuda, tuurizimii fi dameelee birootiin filanoo invastimantii akka qabdu ibsaniiru.
Itti aanaan Ministira daldalaa Kolombiyaa Luwiis Fiiliippee Kuwiinteroo gamasaaniin, Kolombiyaan hariiroo daldalaa Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsuuf fedhii akka qabdu dubbataniiru.