Mootummaan Bu’uuraaleen Misoomaa Haqa-Qabeessi akka Baabl’atan hojjechaa jira-Ministira Caaltuu Saanii - ENA Afaan Oromoo
Mootummaan Bu’uuraaleen Misoomaa Haqa-Qabeessi akka Baabl’atan hojjechaa jira-Ministira Caaltuu Saanii

Hagayya 20/2017(TOI)-Mootummaan Bu’uutaaleen Misoomaa Haqa-qabeessi akka jiraatuu fi akka babal’atu xiyyeeffatee hojjecha jiraachuu Ministirri Magaalaa fi Bu’uura Misoomaa Caaltuu Saanii ibsan.
Ministirri Magaalaa fi bu’uuraalee Misoomaa yaa’ii damee daandii 2ffaa Naannoo Somaalee Magaalaa Jigjigaatti gaggeessaa jira.
Qaamolee Federaalaa, Naannoolee fi Qooda fudhattoota waliin ta’uun gamaggama karoora raawwii hojii damichaa bara 2017 fi karora bara 2018 dhimmoota yaa’ichi irratti xiyyeefatudha.
Ministirri Magaalaa fi Bu’uura Misoomaa Caaltuu Saanii, Pirezidaantiin Naannoo Somaalee Musxafee Muhaammad dabalatee hoggantoonni federaalaa fi Naannoolee Damee Daandii fi hoggantoonni dhaabbilee itti waamamtootaa Yaa’icha irratti argamaniiru.
Ministirri Magaalaa fi bu’uura Misoomaa Caaltuu Saanii akka dubbatanitti, yaa’ichi misoomni biyyatti akka saffisu qooda olaanaa kan qabu kaaraa bu’uuralee misoomaa irratti kan marii’atu waan ta’eef faayidaansaa guddaadha.
Misomni Daandii Karoora Misooma Dinagdee biyyittiin hordoftu galmaan gahuuf murteessaa ta’uu kaasuun, Mootumaan bu’uuraaleen misooma daandii haqa qabeessa akka ta’uu fi akka babal’atuuf xiyyeeffannnoon kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.
Hojiiwwan misooma koriidaraa eegalaman miidhagina irra darbee babal’ina daandiif qooda olaanaa qabaachuu eeraniiru.
Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Somaalee Musxafee Muhaammad, jijjiiramaa asitti naannoolee biyyattii ijaarsi bu’uuraalee misoomaa daandii itti babal’atan keessaa tokko Naannoo Somaalee ta’uu dubbataniru.
Naannoon ammaan dura Daandiin Godinaa fi Godina wal-quunnamsiisu qaali ture yeroo ammaa bu’uuraaleen misoomaa daandii Aanaa fi Aanaa, Aanaa fi Godinaan kan wal-quunnamsiisu bal’aan hojjetamuu eeraniiru.
Hojiin Misooma Koriidaraa Magaalaa fi Baadiyaatti babal’isuuf hojjetamu cimee akka ittifufu ibsaniiru.