Carraaqqiin Itiyoophiyaan damee qonnaan galma qabatte milkeessuuf taasiftu kan jajamudha

Hagayya 20/2017 (TOI)- Carraaqqiin Itiyoophiyaan damee qonnaan galma qabatte milkeessuu fi damee Kanaan bayyanachuuf taasiftu kan jajamu ta’uu Itiyoophiyaatti bakka bu’aan ambaasaaddara Emereetota Araba gamtoomanii Rashid Abdallaa dubbatan.

Feestivaaliin Tamirii idil addunyaa jalqabaa har’a dabalatee guyyoota sadiif turu naannoo Affaar magaalaa Samaraatti bakka hirmaattonni hedduun argamanitti gaggeeffamaa jira.

Bulchaan naannoo Affaar Awwal Arbaa dabalatee de’eetaan ministira qonnaa Dr. Mallasaa mokonnin, Itiyoophiyaatti Bakka bu’aan ambaasaaddara Emereetota Araba Gamtoomanii Rashid Abdallaa Shaayi fi kanneen waamichi taasifameef Feestivaalicharratti argamaniiru.

Dabalataanis Damee Teemiriirratti kan hojjetanii fi Emereetota Araba gamtoomaniitti Innoveeshinii Paalm endi Agirikaalcharii Awwaard foor deet Kaliifaa Intarnaashinaalii, Saa’udii fi biyyoota biroorraa hedduun hirmaataniiru.

Itiyoophiyaatti Bakka bu’aan ambaasaaddara Emereetota Araba Gamtoomanii Rashid Abdallaa, feestivaalicharratti haasawa taasisaniin, carraaqqii Itiyoophiyaan galma damee qonnaan qabatte milkeessuu fi damee Kanaan bayyanachuuf taasiaa jirtu kan jajamu ta’uu ibsaniiru.

Milkaa’ina carraaqqii Itiyoophiyaan taasiftuuf Emereetonni Araba Gamtoomanii deeggarsaa fi gargaarsa akka gootu mirkaneessaniiru.

Barreessaan olaanaa Intarnaashinaal award foor deet paalm endi agirikaalcheraal Innoveeshinii Abduhaab Abukaarii gamasaaniin, Feestivaalichi fedhii fi tumsa biyyoonni lamaan misoomuuf qaban kan itti agarsiisa ta’uu ibsaniiru.

Damee qonnaan hojjechuuf haalli mijataan jiraachuusaa fi keessumaa misooma Tamiriirratti mijataa fi bu’a qabeessa ta’uu namoonni hedduun kan hubatan ta’uu kaasaniiru.

Feestivaaliin kun guyyoota sadiif kan turu yoo ta’u sanyiin Tamirii fooyya’an muuxannoof dhihaatanii kan ilaalamanii fi muuxannoon damee kanaa akka qoodamu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015