Itiyoo-telekoom bara bajataa 2018 galii birrii Biiliyoona 235tuqaa 8 maddisiisuuf karoorseera -Hojii raawwachiiftuu Olaanaa Fireehiywoot Taammiruu - ENA Afaan Oromoo
Itiyoo-telekoom bara bajataa 2018 galii birrii Biiliyoona 235tuqaa 8 maddisiisuuf karoorseera -Hojii raawwachiiftuu Olaanaa Fireehiywoot Taammiruu

Hagayya 20/2017(TOI)-Itiyoo-telekoom bara bajataa 2018 galii birrii biiliyoona 235tuqaa 8 maddisiisuuf karoorsuu Hojii raawwachiiftuu Olaanaa Fireehiywoot Taammiruu ibsaniiru.
Dhaabbatichi bara 2018 hanga 2020tti Tarsiimoo Adimaas fuulduraa hojiirra ooluu fi karoora baajataa bara 2018 ifoomseera.
Hojii gaggeessituu olaanaan Itiyoo- teleekoom Fireehiywoot Taammiruu wayita kan akka jedhanitti, dhuma bara baajataa 2018 dandeettiin Neet-woorkii mobaayilii fayyadamtoota miiliyoona 112 ol keessumeessuu danda’u ni uumama.
Bara baajataa Xumurametti babal’inni neet-woorkii dhibbantaa 49 baadiyaatti akka ture yaadachiisanii, Itiyoo-Teleekoom babal’inaa fi dhaqqabummaasaa babal’isuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Bara baajataa 2018 kutaa baadiyaa biyyatti keessatti babal’inni Neetwoorkii Mobaayilii haaraan 322 akka hojjetamu eeruun, bara baajatichaatti buufata mobayilaa kuma 1 fi 228 ijaaruuf karsuusuu ibsaniiru.
Itiyoo-Teleekoom lakkoofsa Maamiltootaa Miiliyona 83 tuqaa2 irraa gara miiliyoona 88’n gahuuf karoorfamuu ibsaniiru.
Maamiloonni teeleebirrii hammattummaa faayinaansii Itiyoophiyaan mirkaneessaa jiru miiliyoona 62 tuqaa 5niin gahuun bittaa fi gurgurtaan birrii Tiriiliyoona 4 tuqaa 43 raawwachuuf akka hojjetu eeraniiru.
waliigala bara baajatichaatti galii Birrii Biiliyoona 235 tuqaa 8 argachuuf karoorfachuu ibsaniiru.