Godinichatti misooma midhaanii cinaatti muduraa kilaastaraan misoomsuun bu’aan argamaa jira

Hagayya 20/2017(TOI)- Godina Shawaa Bahaatti  misooma midhaanii cinaatti muduraa kilaastaraan bal’inaan misoomsuun bu’aan argamaa jiraachuu waajjirri qonnaa godinichaa ibse.

Itti aanaan ittigaafatamaa waajjirichaa obbo Abinnat Zagayyee TOI’f akka ibsanitti, misooma midhaanii cinaatti muduraawwan gabaaf oolan keessumaa Avokaadoo, Muuzii fi Paappaayyaa n kilaastaraan misoomaa jira.

Kana malees gandoota 38 aanaalee 11 keessatti argamanitti Appiliin, Loomii fi Burtukaanni misoomaa jira jedhaniiru.

Avokaadoo, Paappaayyaa fi Muuziin lafa heektaara kuma 5 fi 994 irratti misoomaa akka jiru ibsanii, misoomni idilee ammoo lafa heektaara kuma 1 fi 282 irratti misoomaa akka jiru dubbataniiru.

Qonnaan bultoonni kuma 6 fi 856 misooma kanarratti hiraachaa akka jran ibsaniiru.

Muuziin aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaatti misoomaa jiru gabaaf dhihaachaa akka jiru ibsanii, Paappaayyaanis Finfinneetti bal’inaan dhihaachaa akka jiru dubbataniiru.

Omishni avokaadoo gabaa biyya keessaarra darbee qonnaan bultoonaan dabalatee biyyoota garagaraatti ergamaa akka jiru obbo Abinnat dubbataniiru.

Qonnaan bulaan walitti hidhamiinsa gabaa akka argatuu fi gatii fooyya’aatti akka gurguratu hojjetamaa jira jedhaniiru.

Godinichatti misooma muduraa  babal’isuu fi qonnaan bulaan misooma midhaaniin alatti madda galii biraa akka argatu gochuuf fulla’insaan akka hojjetamu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015