Bara Baajatichaatti Daldala Al-ergiiraa galii doolaar Biiliyoona 9 tuqaa 4 ol argachuuf karoorfameera- Ministira Dr.Kaasahuun Goofee - ENA Afaan Oromoo
Bara Baajatichaatti Daldala Al-ergiiraa galii doolaar Biiliyoona 9 tuqaa 4 ol argachuuf karoorfameera- Ministira Dr.Kaasahuun Goofee

Hagayya 20 /2017(TOI)-Bara baajataa 2018 humna Daldala Al-ergii Itiyoophiyaa guddisuun sharafa alaa Doolaara Ameerikaa biiliyoona 9 tuqaa 4 ol argachuuf karoorfamuu Ministirri Daldalaa fi Walitti hidhaminsa Riijinii Dr.Kaasahuun Gofee ibsan.
Bara baajataa 2017 xumurame damee daldalaa fi walitti hidhaminsa riijiniin milkaa’inni gurguddoo Abdachiisoo galmeessuun danda’ameera jedhaniiru .
Cabinsa Bu’uuraalee Misooma Daldala Itiyophiyaa suphuuf hojii hojjetameen gidduu gala gabaa Sanbataa fi Dilbataa kuma 1 fi 500 ol gurmessuun omishaa fi shamataan kan itti wal-quunnamu haala mijataan uumamuu ibsaniiru.
Tajaajila sirna Teekinooloojii ammayyaa diriirsuun Kutaa Hawaasa Daldalaa bakka jirurra galmee Daldalaa fi tajaajila Eeyyamaa akka argatu taassifamaa jira jedhaniiru.
Tajaajila galmee Daldalaa fi Eeyyamaa caalaatti saffisiisuuf Tajaajilli Masoob Wiirtuu tokkoo kennamuu eegaluu dubbataniiru.
Bara bajataa xmurame dandeettii Dorgommii Gabaa Idil Addunyaa Itiyoophiyaa guddisuun Daldala Al-ergiirraa Doolaara Ameerikaa Bililiyoona 8 tuqaa 3 argamuu ibsaniiru.
Omishaaleen Albuudaa, Qonnaa, Industirii, bu’aawwan daldala Humna ibsaa galii daldala Al-ergii argamsiisuuni qooda olaanaa gumaachuusaanii Ministirichi ibsaniiru.
Bara baajataa 2018 dandeettii Daldala Al-ergii biyyaa guddisuun sharafa alaa doolara Ameerikaa Biiliyoona 9 tuqaa 4 argamsiisuuf karoorri qabamuu ibsaniiru.
Gama biraan bara baajataa xumurametti hirmaannaa Daldala Ardiilee fi Idil-Addunyaa Itiyoophiyaa Guddisuuf bu’uurri milkaa’aa ta’e kaa’amuun akka danda’ame dubbataniiru.
Adeemsi Miseensummaa Dhaabbata Daldala Idil-Addunyaa xumura akka argatuuf mariin milkaa’ina qaban taassifamuusaanii kaasaniiru.
Adeemsa Marii Daldalaa gamlamee fi biyyoota hedduu keessaa biyyoonni miseensaa 20 ta’an Itiyoophiyaa waliin marii Daldala gam-lamee taassisuuf fedhii qabaachuu isaanii kaasaniiru.
Wal-ga’ii Garee Hojiirraa 6ffaa Fulbaana dhufu Jeneevaatti gaggeeffamurratti Itiyoophiyaa miseensa dhaabbatichaa taassisuuf odeeffannoo barbaachisaa ta’e erguun qophii gahaan taassifamuu ibsaniiru .
Waliigaltee Daldala Bilisaa Ardii Afriikaa baatii Fulbaana dhufuu torbaan lammaffaa keessa Daldala jalqabaa eegaluuf qophiin xumuramuu beeksisaniiru.
Sakatta’insu qulqullinaa oomisha alergii fi alaa galuu mijataan qulqullina oomishaa eegsisuu dandeessisu mandarri qulqullinaa Itiyoophiyaatti taasifamaa akka jiru ibsaniiru.
Bara baajataa Xumurametti dandeettii caasaa daldalaa guddisuu, to’annoo daldalaa Cimsuu, dabala gatii hin malle hambisuu fi shaqaxa kuusuu sirreessuun cimee akka itti fufu hubachiisaniiru.