Feestivaaliin Tamirii idil addunyaa naannoo Affaar Samaraatti gaggeeffamuu eegale - ENA Afaan Oromoo
Feestivaaliin Tamirii idil addunyaa naannoo Affaar Samaraatti gaggeeffamuu eegale

Hagayya 20/2017 (TOI)-Feestivaaliin Tamirii idil addunyaa kan jalqabaa hirmaattonni hedduun bakka argamanitti naannoo Affaar magaalaa Samaraatti gaggeeffamuu eegaleera.
Bulchaan naannoo Affaar Awwal Arbaa dabalatee de’eetaan ministira qonnaa Dr Mallasaa Mokonnin, tiyoophiyaatti bakka bu’aan ambaasaaddara Emereetota Araba Gamtoomanii Rashid Abdallaa Shaayi fi hirmaattonni waamichi taasifameef biroon feestivaalii idil addunyaa har’aaa eegaee guyyoota sadiif turu kana irratti argamaniiru.
Dabalataanis Damee Teemiriirratti kan hojjetanii fi Emereetota Araba gamtoomaniitti Innoveeshinii Paalm endi Agirikaalcharii Awwaard foor deet Kaliifaa Intarnaashinaalii, Saa’udii fi biyyoota biroorraa hedduun hirmaataniiru.
Feestivaaliin kun guyyoota sadiif kan turu yoo ta’u sanyiin Tamirii fooyya’an muuxannoof dhihaatanii kan ilaalamanii fi muuxannoon damee kanaa akka qoodamu ibsameera.