Hojiileen misooma waggoottan jijjiiramaa hojjetamanii fi ijaarsarra jiran gaaffii misoomaa ummataa deebisaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Hojiileen misooma waggoottan jijjiiramaa hojjetamanii fi ijaarsarra jiran gaaffii misoomaa ummataa deebisaa jiru

Hagayya 20/2017(TOI)- Hojiileen misooma waggoottan jijjiiramaa hojjetamanii fi ijaarsarra jiran gaaffii misoomaa ummataa deebisaa fi fayyadamaa gochaa akka jiran hoogganaan waajjira pirezidaantii naannoo Oromiyaa Dr. Abdulaziiz Daawud ibsan.
Hoogganaan waajjira pirezidaantii naannichaa Dr. Abdulaziiz Daawud, hojiiwwan misoomaa Godina Wallagga Bahaa magaalaa Naqamtee dabalatee bakkeewwan birootti hojjetamaa jiran daawwataniiru.
Pirojektoonni waggoottan jijjiiramaa bakkeewwan hundatti qulqullinaa fi hatattamaan hojetaman dinqisiisoo ta’uu ibsaniiru.
Hojiileen misoomaa kunneen fedhii ummataa fi gaaffilee irra deddeebiin waggoota dheeraaf kaafamaa turan kan bu’uureffatan ta’uu dubbatanii, waggoota dhihoo keessatti qindoominaan hojjetamee deebii argachaa jira jedhaniiru.
Hojiileen misoomaa Godina Wallaggaa Bahaatti waggoottan jijjiiramaatti hojjetamanii fi adeemsarra jiran gaaffilee misoomaa ummataa deebisaa fayyadamaa gochaa akka jiran kaasanii, ciminaanis ittifufu jedhaniiru.
Hojiilee misoomaa godinichatti xumuramaa jiran keessaa paarkiin industirii isa tokko ta’uu eeranii, tajaajila wayita jalqabu faayidaansaa olaanaa akka ta’u dubbataniiru.
Keessumaa qonnaan bulaan oomishasaa baay’inaan dhiheessuun akka fayyadamu kan godhuu fi namoota hedduuf carraa hojii akka uumu eeraniiru.
Hoogganaan biiroo Invastimantii fiIndustirii naannichaa obbo Ahimad Indiriis, hojiin gama hundaan naannichatti hojjetamaa jiru fayyadama ummataa kan mirkaneessanii fi badhaadhinni Itiyoophiyaa kan hin oolle ta'uu’kan mirkaneessan ta’uu ibsaniiru.
Kanaaf hojiileen misoomaa naannicha bakkeewwan garagaraatti hojjetamaa jiran cimanii kan ittifufan ta’uu mirkaneessaniiru.